Gaaffiiwwan Misoomaa fi Bulchiinsa gaarii Uummataa guddachaa jiru sadarkaa sadarkaan furuuf kutannoon ni hojjenna - Kantiibaa Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Gaaffiiwwan Misoomaa fi Bulchiinsa gaarii Uummataa guddachaa jiru sadarkaa sadarkaan furuuf kutannoon ni hojjenna - Kantiibaa Adaanech Abeebee

Onkoloolessa 10/2018(TOI)- Gaaffiiwwan Misoomaa fi Bulchiinsa gaarii uummataa guddachaa dhufe sadarkaa sadarkaan furuuf kutannoon hojjenna jechuun ibsan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee.
Kantiibaa Adaanech Kana kan jedhan wayita kallattii hojii gamaaggama raawwii hojii kurmaana tokkoffaa Bulchiinsa Magaalichaan kennanidha.
Hoggantoonni sadarkaa sadrakaan jiran saffisaa fi xiyyeeffannoo kana duraa caalaa ergama itti kenname sirnaan akka bahan hubachiisaniiru.
Boqonnaa qophii karooraarratti yeroon qisaasamuu akka hin jiraanne taassisuun hoggansi hundi gara sochii hojii qabatamaatti galuun bu’aa galmeessise caalaatti cimsuu akka qabu gaafataniiru.
Hoggansi ergama itti kenname bu’aa qabeessaan ba’uun gahumsaan raawwachuurratti xiyyeeffachuu akka qabu eeraniiru.
Hoggansi walirraa barachaa galma waloosaa milkeessuuf tumsuu akka qabu eeraniiru.
Bulchiinsi Magaalichaa hojiiwwan hawaasa fayyadamoo taassisanii fi jijjiirama bu’uura fidan qabatamaan hojjetee argisiisuu isaa ibsaniiru.
Bulchiinsi Magaalichaa Pirojektoorta namarratti xiyyeeffatan humna yeroo gabaabaa keessatti raawwachuusaanii yerootii yerootti daggaagsaa dhufuusa mirkaneessuun, cimina kaana caalmaatti akka itti fufu mirkaneessaniiru.
Bara kanas fedhiiwwan misoomaa guddachaa jiran sadarkaa sadarkaan guutuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamu eeraniiru.
Gaaffiiwwan Bulchiinsa gaarii saffisaa fi bu’uurarraa furuuf hoggansi kan gahoome ta’uun akka isarraa eegamu kaasuun, leenjiiwwan ijaarsa gahumsaa cimee akka itti fufu ibsaniiru.