Tamsaasa Kallatti:

Jallisii Bonee baranaatiin lafa heektaara kuma 400 irratti Qamadii misoomsuuf qophiin taasifamaa jira

Onkoloolessa 10/2018(TOI)- Godina Shawaa Lixaatti Jallisii Bonee baranaatiin lafa heektaara kuma 400 irratti Qamadii misoomsuuf qophiin taasifamaa jiraachuu waajjirri qonnaa godinichaa ibse.

Waajjira qonnaa godina Shawaa Lixaatti ogeessi misooma jallisii Biqilaa Guutuu TOI’f akka ibsanitti, godinichatti jallisiin bonee aadaa hoji qonnaan bulaa jijjiiruun galiinsa akka guddatu taasisaa jira.

Misooma jallisii bonee baranaatiinis lafa heektaara kuma 400 irratti Qamadii misoomsuun kuntaala miiliyoona 16 tuqaa 3 galchuuf karoorfamuu ibsaniiru.

Bakkeewwan midhaan duree walitti qabametti qophiin taasifamaa jiraachuu eeranii, galteenis qonnaan bulaa qaqqabaa jira jedhaniiru.

Itti fayyadama galtee fi teeknooloojiirrattis hubannoon kennamaa akka jiru ibsaniiru.

Qamadii jallisii boneJallisii Bonee baranaatiin lafa heektaara kuma 400 irratti Qamadii misoomsuuf qophiin taasifamaa jiraen facaafamuuf xaa’oon kuntaala kuma 100 olii fi sanyiin filatamaan kuntaalaa kuma 1 fi 526 anaaleef qooduuf qophiin taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.

Hojiin jallisii bonee aanaalee Meettaa Roobii, Jalduu, Walmaraa, Ejeree fi Daannootti bal’inaan akka raawwatamu eeraniiru.

Hojii kana haala gaariin raawwachuuf amma ammaatti motor paampiin 500 godinicha kan qaqqabe yoo ta’u kana keessaa 255 qonnaan bulaaf kennameera jedhan.

Oomishni bara 2018 eegamu kan waggaa darbeen wal bira yoo qabamu kuntaala miiliyoona 1 tuqaa 8 caalmaa akka qabu ogeessi kun dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015