Tamsaasa Kallatti:

Galmoota qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuuf, carraa hojii uumuu fi irkattummaa jalaa bahuu qabaman milkeessuuf qindoomminni dhaabbilee qooda fudhattootaa cimuu qaba

Onkoloolessa 10/2018 (TOI)-Galmoota qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuuf, carraa hojii uumuu fi irkattummaa jalaa bahuuf qabaman milkeessuuf qindoomminni dhaabbilee qooda fudhattootaa cimuu akka qabu sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddu gala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Adam Faaraah ibsan.

Waltajjiin gamaaggama raawwii kurmaana waggaa paartii badhaadhinaa bara bajataa 2018 har’as itti fufeera.

Waltajjii Kanaan raawwii hojiilee mootummaa irratti mariin gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u  galmoonni carraa hojii uumuuf, qaala’insa jireenyaa hir’isuuf hojjetamanii fi bu’aaleen argaman akkasumas irkattummaa jalaa bahuuf qabaman ajandaa marii dhihaatanidha.

Sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddu gala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Adam Faaraah akka jedhanitti, ajandaawwan qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuu fi  carraa hojii uumuun xiyyeeffannoo guddaa kan barbaadanidha.


 

Irkattummaa jalaa bahuun birmadummaa guutuu mirkaneessuuf murteessaa ta’uu ibsanii, Bifa qindaa’een dhimmicharratti hojjechuun akka barbaachisu cimsanii kaasaniiru.

Galmoota biyyaalessaa sadan karaa guutuu ta’een  milkeessuuf qindoominni dhaabbilee qooda fudhattootaa cimuu akka qabu hubachiisaniiru.


 

Akka biyyaatti raawwiin jiru bu’aan argamuu eeranii, garaagarummaa raawwii bakkaa bakkatti jiru dhiphisuuf hojechuun akka barbaachisu dubbataniiru.

Damee Kanaan bu’a qabeessummaa guddisuuf waloomaan karoorsuu fi raawwii ammoo waloomaa gamaaggamaa deemuun akka barbaachisu cimsanii kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015