Tamsaasa Kallatti:

Magaalattiitti damee fayyaatiin hojiileen qulqullinaa fi haqa qabeessummaa fooyyessan hojjetamaniiru

Onkoloolessa 10/2018(TOI)- Magaalaa Finfinneetti damee fayyaatiin hojiilee qulqullinaa fi haqa qabeessummaa fooyyessan hojjechuun bu’aan quubsaan galmaa’uu biiroon fayyaa magaalaa Finfinnee beeksise.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee raawwii karooraa kurmaana jalqabaa bara bajataa 2018 gamaaggameera.

Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee hojiilee bu’a qabeessa Kurmaana waggaatti raawwataman caalaa guddisuun fulla’insasaa mirkaneessuun akka barbaachisu xumura sagantichaarratti kallattii kaa’aniiru.

Hoogganaan biiroo fayyaa magaalaa Finfinnee Dr. Yohaannis Caalaa akka dubbatanitti, lamiilee oomishtoota, fayya qabeessaa fi humna misoomaa akka ta’an hojiileen hedduun  hojjetamaa jiru.

Bara bajataa kana damee fayyaaf bajanni birrii biiliyoona 20 caalu ramadamuu ibsanii, kunis xiyyeeffannoo damee fayyaaf kenname agarsiisa jedhaniiru.

Kurmaana jalqabaatti qulqullinaa fi haqa qabeessummaa dhaabbilee fayyaa fooyyessan ijaarsi haaraa fi babal’isuu hedduun hojjetamuu hoogganichi dubbataniiru.

Dandeettii Hoospitaalota buleeyyii dachaan guddisuuf ijaarsi raawwatamee tajaajila eegalchiisuuf qophiin taasifamuu dubbataniiru.

Hoospitaala Miniliik lammaffaa, Yaadannoo Raas Dastaa Daamxoo, Yaadannoo Zawudituu fi Xurunash Beejingitti  qulqullina tajaajilaa dacha ol guddisuuf hijiin ijaarsaa raawwatamuu beeksisaniiru.

Kurmaana akantti buufataaleen fayyaa sagal ijaaramanii tajaajila kennuu eegaluusaanii beeksisaniiru.

Aanaaleen magaalichaa buufata fayyaa hinqabne akka jiran ibsanii, buufataalee fayyaa sagal keessaa shan aanaalee kanneen keessatti akka argaman dubbataniiru.

Buufataaleen fayyaa kunneen galteen waldhaansaa kan guutameef, sadarkaasaanii kan eeggatan, ammayyaa fi sadarkaa hoospitaala jalqabaatti kan ijaaramanidha jedhaniiru.

Buufataalee fayyaa 19 caalaniif hojiin babal’isuu hojjetamuu eeraniiru.

Bara bajataa 2017 jiraattonni magaalichaa miiliyoona 2 tuqaa 5 miseensa inshuraansii fayyaa akka turan yaadachiisanii, bara  2018 raawwii kana miiliyoona 2 tuqaa 7 oliin gahuuf hojjetamaa jiraachuu dabalanii ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015