Hojiileen misoomaa baatii sadan darban ummata hirmaachisuun magaalichatti hojjetaman mikaa’oodha - ENA Afaan Oromoo
Hojiileen misoomaa baatii sadan darban ummata hirmaachisuun magaalichatti hojjetaman mikaa’oodha

Onkoloolessa 10/2018(TOI)-Hojiileen misoomaa baatii sadan darban ummata hirmaachisuun magaalaa Finfinneetti hojjetaman mikaa’aa akka turan hoggantoonni ibsan.
Gamaaggamni raawwii karoora kurmaana jalqabaa bara bajataa 2018 bulchiinsa magaalaa Finfinnee kaleessa xumurameera.
Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee hojiilee bu’a qabeessa Kurmaana waggaatti raawwataman caalaa guddisuun fulla’insasaa mirkaneessuun akka barbaachisu xumura sagantichaarratti kallattii kaa’aniiru.
Komishinariin hooggansa hojii ibiddaa fi yaaddoo balaa Finfinnee Ahimad Mahaammad akka ibsanitti, bara bajataa kana balaawwan uumamaa fi namtolchee dursanii qolachuuf qophiin tasifamuu dubbataniiru.
Komishinichi bakkeewwan yaaddoo balaaf saaxilamoo ta’an dursuun adda baasuuf dandeessisu qorannoon taasisuusaa ibsaniiru.
Balaa du’aa, miidhaa qaamaa fi manca’insa qabeenyaa kurmaana waggaatti magaalattiitti mudachuuf ture guddaa hir’isuun danda’ameera jedhan.
Itti aantuun hooggantuu biiroo miidhaginaa fi misooma magariisaa magaalaa Finfinnee Tsahaayi Geetahun gamasaaniin, magaalaa Finfinnee jireenyaaf kan toltu, mijattuu fi filatamtuu gochuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jira jedhaniiru.
Sagantaa ashaaraa magariisaatiin kurmaana waggaatti biqiltuun miiliyoona 6 caalu dhaabamuu yaadachiisanii, qophii biqiltuurraa eegalee amma dhaabuutti hirmaannaan hawaasaa cimaa akka ture dubbataniiru.
Dabalataanis hojiiwwan misooma magariisaa misooma kooriidariin hojjetamaniin jireenya lammiilee fooyyessuun akka danda’ame eeraniiru.
Kanaaf baatii sadan darban hojii damee Kanaan hojjetameen bu’aa qabatamaa fiduun akka danda’ame ibsaniiru.
Daarektarri olaanaa ejensii bulchiinsa qulqullinaa Finfinnee Gazaaheny Dheensaa , baatii sadan darban ayyaanonni amantaa fi biyyaalessaa gurguddoon magaalaa Finfinneetti kabajamuu yaadachiisaniiru.
Ejensichi qulqullina magaalattii dabalatee bakkeewwan ayyaanonni addababayii itti kabajaman xiyyeeffatamee qulqulleeffamuu kaasaniiru.
Kanaanis balfa gogaa kaasuu, bakka malutti gatuu fi deebisuun hojiirra oolchuun dhimma ijoo akka ture dubbataniiru.