Tamsaasa Kallatti:

Mootummaan hirmaannaa Invastumantii dhuunfaa caalaatti guddisuuf hojjechaa jira

Onkoloolessa 10/2018 (TOI)-Mootummaan sochii dinagdee Itiyoophiyaa guddachaa jiru keessatti hirmaannaa Invastimantii dhuunfaa caalaatti guddisuuf xiyyeeffatee hojjechaa jira jechuun ibsan ministirri maallaqaa obbo Ahimad Shidee.

Jilli Itiyoophiyaa obbo Ahimad Shideen durfamu daarektara dhaabbata faayinaansii idil addunyaa MaktaarDiiyop akkasumas itti aanaa pirezidaantii hojii rawwachiisaa ejensii wabii invastimantii gama hedduu Hiiroshii Matanoo waliin mari’ataniiru.

Mariin kun walgahii waggaa dhaabbata maallaqaa idil addunyaa (IMF) baankii addunyaa Waashiingiten Diisiitti gaggeeffamaa jiru cinaatti gaggeeffamaa jira.

Wayita kana Itiyoophiyaatti Invastimantii dhuunfaa jajjabeessuuf dhaabbilee kanneen waliin mariin tumsa cimaa uumuu dandeessisu taasifameera.

Jijjiirama dinagdee Itiyoophiyaa si’achiisuuf tarkaanfii taasifamu keesatti tumsa tarsiimawaa gama cimsuun mariin kun shoora guddaa akka qabu obbo Ahimad ibsaniiru.

Tumsi kun hanqinoota invastimatiirratti mul’atan hir’isuuf, kaappitaala walitti qabuu fi guddinni damee dhuunfaa hirmaannaan dinagdee Itiyoophiyaa Ijoo keessatti qabu caalaatti guddisuufis akkasuma.

Obbo Ahimad Shidee itti fufuun fooyyessi dinagdee gooroo dureeyyiif caalaatti haala tasgabbaa’aa fi mijataa uumuusaa ibsanii, guddina adeemsa riifoormii itti fufsiisuuf tumsi dhaabbilee maallaqaa idil addunyaa waliin jiru murteessaadha.

Keessumaa damee inarjiin misooma humna haaromfamaarratti invastimantiii bal’isuun Itiyoophiyaan dandeettii madda anniisaashee guddisuuf fedhii qabdu, pirojektoota bu’ura misoomaa fi dameelee birootiin daandiiwwan dinagdee hojjetamaa jiran deeggaruun barbaachisaa ta’uu himaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015