Tamsaasa Kallatti:

Hojiileen naannoo Hararii aanaalee magaalaa fi baadiyyaatti hojjetaman ummata fayyadaa jiru-bulchaa Ordiin Badrii

Harar 9/2018(TOI)-Hojiileen naannoo Hararii aanaalee magaalaa fi baadiyyaatti hojjetaman ummata fayyadaa jiraachuu bulchaan naannichaa  Ordiin Badrii dubbatan.

Obbo Ordiin Badrii pirojektoota naannichaa ijaaramaa jiran, kan xumuramee fi haaraa daawwachaa jiru.

Akkasumas Inisheetiivonni misoomaa naannichatti hojjetamanii fi misoomni biros nidaawwatamu.

Kaayyoon daawwannaa kanaa raawwii pirojektoota ijaaramaa jiranii, pirojektoonni hojiitti galuusaanii fi pirojektoonni xumuramanii eebbifamaniitajaajila eegaluusaanii gamaaggamuuf ta’uun beekameera.

Obbo Ordiin Badrii wayita kana akka ibsanitti, pirojektoonni misooma naannichaa guddisan, inisheetiivonni misooma kooriidarii fi kanneen biroo hojjetamaniiru jedhaniiru.

Hojiileen naannicha aanaalee magaalaa fi baadiyyaatti hojjetamaa jiran misooma naannichaa si’achiisaa fi ummatas fayyadaa taasisaa akka jiran ibsaniiru.

Fuulduras hojiileen jireenya hawaasaa fooyyessanii fi jijjiirama Fidan cimuu akka qaban eeranii keessumaa naannichatti hojii damee qonnaan hojjetamu teeknooloojiin ammayyeessuurratti xiyyeeffatamee nihojjetama jedhaniiru.

Miseensonni Kaabinee naannichaa daawwannaa kanarratti argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015