Gaggeessummaan Bu’a qabeessi Itiyoophiyaatti hojiirra oole hojiileen fayyadama ummataa guddisan akka hojjetaman godheera-Obbo Adam Faaraah - ENA Afaan Oromoo
Gaggeessummaan Bu’a qabeessi Itiyoophiyaatti hojiirra oole hojiileen fayyadama ummataa guddisan akka hojjetaman godheera-Obbo Adam Faaraah

Onkoloolessa 9/2018(TOI)- Gaggeessummaan Bu’a qabeessi Itiyoophiyaatti hojiirra oole hojiileen milkaa’oon fayyadama ummataa guddisan akka hojjetaman gochuusaa sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddugala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah ibsan.
Paartiin badhaadhinaa waltajjii gamaaggamaa hojiilee paartii fi sosochii ummataa kurmaana wagga bara bajataa 2018 irratti xiyyeeffate gaggeessaa jira.
Hooggantoonni paartichaa waltajjicharratti hiraachaa kan jiran yoo ta’u raawwiin dame dameen dhihaatee mari’atamaa jira.
Sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddugala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah wayita kana akka jedhanitti, gaggeessummaan bu’a qabeessi paartichi taasise hojiileen bu’a qabeessi ummata fayyadan akka hojjetaman godheera.
Pirojektoonni gurguddoon faayidaa biyyaalessaa qaba eebbifamuusaanii eeranii gama hundaanuu bu’aaleen jajjabeessoon argamuusaanii kaasaniiru.
Paartiin, ummannii fi dameen dhuunfaa qindaa’anii ida’amuu jiddugaleessa gochuun qabeenyi biyyi qabdu hojiirra akka oolan godhamuunsaa sababoota milkaa’inni akka argamu taasisan keessa ta’uu ibsaniiru.
Adeemsa hojiirra oolmaa hordofuun hojiileen dilbii fi qabeenya bakka garagaraa jiran irratti hundaa’an hojjetamaniiru kan jedhan obbo Adam Faaraah, aadaan qormaata gara carraatti jijjiiru guddachaa dhufuu dubbataniiru.
Bara bajataa kanas milkaa’inoota argaman itti fufsiisuuf xiyyeeffatamee akka hojjetamu dubbataniiru.
Waltajjiin gamaaggamaa har’aas raawwii dhimmoota waliin karoorfaman gamaaggamuu fi hojiilee itti aanan dhimmoota tumsa gaafatan adda baasuun kallattii kaa’uuf kan akeekame ta’uu ibsaniiru.
Waltajjiin gamaaggamaa kun naannolee jidduu muuxannoo qooduun akka jiraatu gochuun raawwiin walfakkaatu akka jiraatu gochuuf faayidaa guddaa akka qabu dubbataniiru.