Baay’ina oomisha alergii, bakka itti ergamuu fi qulqullina dabaluuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira - ENA Afaan Oromoo
Baay’ina oomisha alergii, bakka itti ergamuu fi qulqullina dabaluuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira

Onkoloolessa 9/2018 (TOI)- Baay’ina oomisha alergii, bakka itti ergamuu fi qulqullina eegsisuun yeroo gara yerootti guddachaa dhufeera jedhe ministeerri daldalaa fi walitti hidhamiinsa riijinii.
Fooyyessii dinagdee Gooroo nynyaatarra darbee oomisha gabaa alaaf oolu oomishuu dandeessisaa jiraachuu ministeerichatti dursaan hojii raawwachiisaa gabaa daldala alaa Baqqalaa Katamaa TOI’f ibsaniiru.
Oomisha alergiirratti irratti xiyyeeffannoon akka hojjetamuu fi dhiheessiin gahaan akka jiraatu hojjetamaa jiraachuu eeranii, oomisha daldala alaaf qophaa’e kontirobaandiif akka hinsaaxilamne naamusa cimaan gaggeeffamaa akka jiru ibsaniiru.
Biyyoota oomishni itti ergamu bal’isuu waliin wal qabatee baay’inni oomishaa biyyoonni Kanaan dura fudhatanakka guddisan fi biyyoonni haaraan biroon akka fudhatan godhamaa jiraachuu eeraniiru.
Kanaaf ammo daldalaa fi egzibiishinii idil addunyaarratti akka hirmaatan oomishni beeksifamaa jira jedhaniiru.
Kanneen oomisha alergiirratti hojjetan jajjabeessuu fi biyyoota garagaraa waliinis maree gamlamee fi waliigalteen taasifamaa akka jiru himaniiru.
Fakkeenyaaf baatii sadan darban biyyoota 18 waliin walii galtee daldala alergii gooneerra jedhan.
Riijiniin daldala bilisaa Afriikaa oomishoota alergii fi bakka itti ergamu akka bal’isu eeranii, Chaad fi Ugaandaan oomisha keenya akka haaraatti fudhachuu eegalaniiru jedhan.
Miseensa dhaabbata daldala addunyaa ta’uunis biyya oomishni itti ergamu akka baay’isu ibsanii, miseensa ta’uuf hojjetamaa akka jiru beeksisaniiru.
Qulqullina oomishaa irratti araara hinqabnu kan jedhan obbo Baqqalaan haala Kanaan mandara qulqullinaatti hojiin olaanaan hojjetamaa jira, oomishoonni Itiyoophiyaa biyya alaatti fudhatama argachaa kan jiran dhamaatii qulqullinaaf qabnuuni jedhaniiru.