Deeggarsi Ingiliz hojiilee misoomaa Itiyoophiyaaf gootu cimee akka itti fufu Mirkaneessite - ENA Afaan Oromoo
Deeggarsi Ingiliz hojiilee misoomaa Itiyoophiyaaf gootu cimee akka itti fufu Mirkaneessite

Onkoloolessa 8/2018 (TOI)- Ingiliz hojiilee misoomaa Itiyoophiyaaf deeggarsa gootu cimsitee itti fufuuf kutannoo akka qabdu Mirkaneessite.
Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee de’eetaa ministiraa misooma idil addunyaa Ingilizii fi Afriikaa Barones Jeenii Chaapmaan waliin mari’ataniiru.
Mariin kun walgahii waggaa dhaabbata maallaqaa addunyaa (IMF) fi baankii addunyaa cinaatti gaggeeffame.
Gareen jilaa olaanaan ministira maallaqaa Ahimad Shideen durfamu walgahii waggaa kanarratti hirmaachaa jira.
Marii kanaanis, dhimmoota garagaraa hariiroo Itiyoophiyaa fi Ingiliz caalaa cimsuu danda’an irratti mari’ataniiru.
Ingiliz deeggarsa teekniikaa fayyaa, barnootaa, Inarjii, maanuufaakchariingii, galii walitti qabuuf gargaaran dabalatee deggarsa damee biraan taasisaa jirtu caalaa akka guddiftu obbo Ahimad gaafataniiru.
Fooyyessa dinagdee gooroo Itiyoophiyaan hojiirra oolchaa jirtu kan dinqisiifatan Barones Chaapmaan gamasaaniin, Ingiliz hojiilee guddina misoomaa fi dinagdee Itiyoophiyaa mijeessaniif deeggarsa gootu caalaa itti fufuuf kutannoo akka qabdu mirkaneessaniiru.