Misooma qonnaa guddisuun irkattummaa jalaa bahuun birmadummaa nyaataa dhugoomsuuf tattaaffiin qindaa’e taasifamaa jira-Itti aanaa pirezidaantii naannoo Oromiyaa Awwaluu Abdii - ENA Afaan Oromoo
Misooma qonnaa guddisuun irkattummaa jalaa bahuun birmadummaa nyaataa dhugoomsuuf tattaaffiin qindaa’e taasifamaa jira-Itti aanaa pirezidaantii naannoo Oromiyaa Awwaluu Abdii

Onkoloolessa 8/2018(TOI)- Misooma qonnaa guddisuun irkattummaa jalaa bahuun birmadummaa nyaataa dhugoomsuuf tattaaffiin qindaa’e taasifamaa jiraachuu Itti aanaan pirezidaantii naannoo Oromiyaa Awwaluu Abdii ibsan.
Qonnaan bultoota naannichaa sagantaa seeftiineetiin misooma jallisiirratti bobba’aniif kan tajaajilan Paampiin motoraa kuma 1 fi 945 kennameera.
Itti aanaan Pirezidaantii naannoo Oromiyaa Awwaluu Abdii sagantaa kanarratti akka jedhanitti, naannichatti qonna babal’isuun oomishtummaa guddisuuf hojjetamaa jira.
Hojii hojjetamaa jiruun qonnaan bultoonnii fi horsiisee bultoonni seeftiineetii baadiyyaan hammataman oomishtummaasaanii guddisuun nyaataan of danda’aa akka jiran kaasaniiru.
Guyyaa har’aa motor paampiin bishaan harkisu kuma 1 fi 945 qonnaan bultoota naannichaa sagantaa seeftiineetiin hammataniif kennameera jedhan.
Misooma qonnaa guddisuun irkattummaa jalaa bahuun birmadummaa nyaataa dhugoomsuuf tattaaffiin qindaa’aan taasifamaa jira jedhan itti aanaan pirezidaantichaa.
Ministeera qonnaatti gorsituun waajjira qindeessaa wabii nyaataa Sa’aadaa Kadir, galteewwan oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisan dhiheessuun damee qonnaa guddisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
Motoroota bishaan harkisan, teeknooloojiiwwan garagaraa fi deeggarsa ogummaa taasisuun oommishtummaan akka dabalu godhamaa jiraachuu dubbatanii, baay’eensaanii sagantaa seeftii neetii baadiyyaa irraa badhaadhina maatii mirkaneessuun irkattummaa jalaa bahaa jiru jedhaniiru.
Hoogganaan biiroo qonnaa Oromiyaa Geetuu Gammachuu, mootummaan naannichaa jireenya qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa jijjiiruuf inisheetiivota damee qonnaa bocuun hojiirra oolchaa jiraachuu ibsaniiru.
Kanaan jijjiiramni dhufuu kaasanii bara 2017 qonnaan bulaa fi horsiisee bulaan kuma 251 sagantaa seeftiineetii cehuusaanii fakkeenya eeraniiru.