Yaadamni kolonii Gibxi bishaan Abbaayi qofaatti fayyadamuuf qabdu dhumateeraaf - ENA Afaan Oromoo
Yaadamni kolonii Gibxi bishaan Abbaayi qofaatti fayyadamuuf qabdu dhumateeraaf

Onkoloolessa 8/2018 (TOI)- Yaadamni kolonii Gibxi bishaan Abbaayi qofaatti fayyadamuuf qabdu milkaa’ina hidha haaromsaa Itiyoophiyaan dhimma dhumatee fi raawwatame ta’uu hayyoonni Yuunivarsiitii Haroo Maayaa fi Dirree Dawaa ibsasn.
Ijaarsi hidha haaromsaa Itiyoophiyaa dhiibbaa fi bu’aa bayii meeqa keessa darbee ejjennoo mootummaa fi carraaqqii lammiileen xumuramuunsaa nibeekama.
Ijaarsasaa irratti gufuun akka mudatu keessumaa harki Gibxi bakka hin geenye kan hin jirre yoo ta’u Itiyoophiyaan cichitee hojjechuun qabeenyashee fayyadamuu eegalteetti.
Hidhi kun xumuramee hojii eegalus fedhiin Gibxi dhuunfaatti fayyadamuuf qabduu fi waliin dhahuu garagaraa kaasuunshee ammas hindhaabanne.
Diinummaan fi imalli waliin dhahuu Gibxi bara dheeraaf ture hidhi haaromsaa xumuramees maaliif hin dhaabanne jechuun agabaasaan TOI Yuunivarsiitii Haroo Maayaa fi Dirree Dawaatti argamee hayyoota dubbiseera.
Hayyoonni yaada kennaniin yaadamni kolonii Gibxi bishaan Abbaayi qofaatti fayyadamuuf qabdu ka dhumatee fi bara kana kan hinyaadamne ta’us biyyoonni lagni kun keessa yaa’u halaala taa’anii akka itti fufan ammallee fedhii qabdi jedhaniiru.
Haa ta’u malee yaadamni kolonii Gibxi bishaan Abbaayi qofaatti fayyadamuuf qabdu milkaa’ina hidha haaromsaa Itiyoophiyaan dhimma dhumatee fi raawwatame ta’uu dubbataniiru.
Yuunivarsiitii Haroo Maayaatti barsiisaa fi qorataan seenaa Dr. Mahaammad Hasan, adeemsi bara kolonii Gibxi laga Abbaayi ana qofatu fayyadama jedhu yeroo ammaa dhimma raawwatame ta’uu ibsaniiru.
Olaantummaa dippilomaasii fi milkaa’inni misoomaa Itiyoophiyaa duubatti deebi’uu kan hindandeenye adeemsa bayyanachuurra waan ta’eef himanni bu’uran hin qabnee fi yaanni waliin dhahuu Gibxi dhiheessitu ijaa fi gurra kan hin qabne ta’uu dubbataniiru.
Itiyoophiyaa laga Abbaayi ishee keessaa maddu osoo hin fayyadamne baroonni lakkaa’amuunsaanii nama gaabbisiisus yeroo ammaa hojiin seenaa jijjiiree fi miira ni danda’amaa mirkaneesse hojjetameera jedhaniiru.
Yuunivarsiitii Dirree Dawaatti barsiisaa fi qorataan Saayinsii Siyaasaa fi hariiroo idil addunyaa Naanii Dabalee, lagni Abbaayi barootaaf osoo yaa’uu argaa turre yeroo ammaa ibsaa nuuf ibsee qurxummii nuuf laatee darbaa jiraachuunsaa dacha seenaa isa guddaa ta’uu ibsaniiru.
Lagni Abbaayi Itiyoophiyaa misoomsee darbuun kaayyoosaa ta’us yaadamni Gibxi qofaatti fayyadamuuf qabdu xumura hidha Kanaan furmaata kan argate ta’uu kaasaniiru.
Hammattoon walii galtee tumsaa biyyoonni sulula Abbayi waloomaan fayyadamuuf irra gahan waliin misoomuu fi waloomaan fayyadamuuf malee adda qooduun haaloo bahuuf waan hin taaneef karaa kana deemuun sirrii ta’uu hayyoonni kunneen dubbataniiru.