Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirojektii jallisii laga Walwal eebbisan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirojektii jallisii laga Walwal eebbisan

Onkoloolessa 8/2018 (TOI)-Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad godina Baalee aanaa Doolloo Mannaatti kan argamu pirojektii jallisii laga Walwal eebbisan.
Ministirri muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti dabarsaniin, pirojektii laga Walwal godina Baalee aanaa Doolloo Mannaatti ministeera jallisii fi naannawoota gammoojjiin jalqabame eebbifnee banneerra jedhaniiru.
Pirojektichi laga Walwal jallisiin fayyadamuun oomishtummaa qonnaa guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf kan raawwatame ta’uu ibsaniiru.
Dabalataanis sirna jallisii lafa gubbaa lafaa egeree ijaaruun hojiin qonnaa barootaaf roobarratti hundaa’ee ture mala jireenyaa egeree ummata naannawicha gonfachiisuuf akeekamee hojjechuusaa eeraniiru.
Pirojektichi guutummaan hojiitti wayita galu qonnaan bultoota kuma 20 ta’aniif kan tajajilu lafa qonnaa heektaara kuma 9 fi 687 karaa amansiisaan jallisiif ni’oolcha jedhaniiru.
Kunis oomishtummaa qonnaa kan guddisu, naannawa ongeef hinsaaxilamne kan uumu akkasumas carraa hojii haaraa kan uumu ta’a jedhaniiru.
Faayidaalee dinagdee kanneeniin alatti dhaabbilee bulchiinsa bishaanii naannawichaa cimsuun, abbummaa ummata naannichaa guddisuun akkasumas itti fayyadama fulla’aa laga Walwal guddisuun faayidaa birmadummaa nyaataa fooyya’aaf nigargaara jechuun ibsaniiru.