Tamsaasa Kallatti:

Oomishtummaa guddisuuf biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan dhaabaman kunuunsuu fi eegumsa biyyoo fi bishaanii cimsuu barbaachisa

Onkoloolessa 8/2018(TOI)- Oomishtummaa guddisuuf biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan dhaabaman kunuunsuu fi eegumsa biyyoo fi bishaanii cimsuua akka barbaachisu ibsame.

Torban Sosochii kunuunsa qabeenya uumamaa naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa aanaa Lumeetti har’a eegalameera.

Hoogganaan biiroo qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu wayita kana akka jedhanitti, hojiiwwan kunuunsa biyyoo fi bishaanii waggoottan jijjiiramaa darban naanichatti hojjetaman oomishnii fi oomishtummaan akka dabalu, ongee fi balaa lolaa qolachuuf gargaaraniiru.

Keessumaa hojiin kunuunsa biqiltoota ashaaraa magariisaan dhaabamaniif tasifamu dhiibbaa jijjiirama qilleensaa damdamachuu fi lafti qullaatti hafe akka bayyanatu, haroowwan, lageen gogan deebi’anii jallisii fi misooma garagaraaf akka oolan haala mijataa uumuu ibsaniiru.

Misooma sululaa baatii bonaa ijaaraman biqiltuu ashaaraa magariisaan haguuguun fi kunuunsuun bu’aan argamuus kaasaniiru.

Hojii kana fullaasuuf turban sosochii kunuunsa biqiltuu labsuun guyyaa har’aa hooggantoonnii fi hojjettoonni damee qonnaa naannichaa godina Shawaa bahaatti eegalchiisuusaanii eeraniiru.

Kunuunsa biqiltuu Kanaan aramuu, qofforuu fi bishaan obaasuun biqiltuuwwan baatii bonaa akka damdamatan hojjechuu barbaachisa jedhaniiru.

Sagantaa jalqabsiisa sosochii irratti kan hirmaatan Kadir Mahaammad yaada kennaniin, biqiltuuwwan waggoottan sadan dhaabaman kunuunsuun akka guddatan gochuusaanii ibsaniiru.

Biqiltuu dhaabuun qofti galma waan hintaaneef yeroo yeroon kunuunsuun bu’aaf geessisuu qabna jedhaniiru.

Zarfee Maammoo gamasheetiin, dhiibbaa jijjiirama qilleensaatiin adda durummaan kan miidhaman dubartoota waan ta’aniif  furmaata kanaaf kan ta’u waggoottan toorba darban biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuurratti hirmaachuusaanii dubbataniru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015