Tamsaasa Kallatti:

Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi xumuramuunsaa hojiilee bu’ura misoomaa Baaburaaf carraa guddaadha

Onkoloolessa 8/2018(TOI)- Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi xumuramuunsaa hojiilee bu’ura misoomaa Baaburaaf carraa guddaa ta’uusaa itti aanaan hojii raawwachiisaa korporeeshinii baabura lafaa Itiyoophiyaa Silashii Kaasaa ibsan.

Itti aanaan hojii raawwachiisaa korporeeshinichaa Silashii Kaasaa TOI’f akka ibsanitti, hidhi haaromsaa xumuramuunsaa hojiilee bu’ura misoomaa Baaburaaf carraa guddaa qabatee dhufeera.

Itiyoophiyaan bu’ura misoomaa Baaburaa humna haaromfamaan socho’u irratti xiyyeeffachuushee ibsaniiru.

Iti aanaa hojii raawwachiisaa kun akka ibsanitti, Korporeeshinichi biyyaattii kallattiiwwan addaddaatti sararoota saddet diriirsuun bu’uraalee misoomaa Baaburaa bal’isuuf karoorseera.

Ijaarsi kunneen wayita xumuraman Itiyoophiyaan kallattii arfaniinuu bu’ura misoomaa Baaburaan wal quunnamtu ibsaniiru.

Itiyoophiyaan buufattoota garagaraan fayyadamtuu akka taatu hojiilee hojjetamaa jiran mijeessuun akka danda’amu bu’uraalee misoomaa Baaburaa bakka oomishaarraa amma buufataatti walitti hidhan bal’isuuf hojjetamaa akka jiru obbo Silashiin eeraniiru.

Riijinii daldala bilisaa Dirree Dawaa Buufata fe’isaa walin bu’ura misoomaa Baaburaan walitti hidhuun akka danda’ame ibsanii, riijiniiwwan daldalaa fuulduratti jiraatan yaada keessa galchuun hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.

Guddina damee Baaburaa mijeessuuf Chaayinaa, Jarman, Kooriyaa Kibbaa irraa deeggarsa teekniikaa argachuu fi cehumsa teeknooloojii uumuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Bu’uraalee misoomaa Baaburaa fuuldura hojjetaman dhibbantaa 80 kan ta’u dandeettii ofiin hojjechuuf karoorfamee kutaalee gurmeessuu fi pirojektiin yaalii eegalamuu ibsaniiru.

Oomishaalee qaama Baaburaa fi ijaarsa bu’ura misoomaaf oolan oomishuun jalqabamuu isaa fi fuuldura Baabura hojjechuuf hojiin gurmeessuu fi qophiileen biroo taasifamaa jiru jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015