Gaaffiin Ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafattu waliigalteewwan idil addunyaa itti fayyadama qabeenya uumamaa irratti kan hundaa’edha - ENA Afaan Oromoo
Gaaffiin Ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafattu waliigalteewwan idil addunyaa itti fayyadama qabeenya uumamaa irratti kan hundaa’edha

Onkoloolessa 8/2018(TOI)- Gaaffiin Ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafattu waliigalteewwan idil addunyaa itti fayyadama qabeenya uumamaa irratti kan hundaa’e ta’uu mana maree bakka bu’oota ummataatti itti aanaan walitti qabaa koree dhaabbataa hariiroo alaa fi dhimmoota nageenyaa Dr. Fatihii Mahiidii ibsan.
Itti aanaan walitti qabaa Dr. Fatihii Mahiidii Turtii TOI waliin taasisaniin akka ibsanitti, Ulaa galaanaa argachuun faayidaa biyyaalessaa eegsisuu fi guddina dinagdee si’ataa mirkaneessuuf murteessaadha.
Tattaaffiin Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa argachuuf itti jirtu qajeelfama faayidaa gama lamaa kan hordofee fi waliigalteewwan idil addunyaa itti fayyadama qabeenya uumamaa kan bu’uureffate ta’uu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa akka qabdu seenaan akka raga bahu yaadachiisanii, Ulaa galaanaa qabdu kan dhabde shira diinotashee fi maalnadhibdee hooggantoota yeros turaniin ta’uu yaadachiisaniiru.
Hawaasni idil addunyaa seeronni biyyoota Ulaa galaanaa hinqabne fayyadama Ulaa galaanaa godhu ka’uusaa eeraniiru.
Seerri kun biyyoonni Ulaa galaanaa hinqabne cufamanii taa’uu akka hinqabnee fi galaannis ta’e qabeenyi uumamaa galaana keessatti argaman qabeenya waloo ta’uusaanii agarsiisa jedhaniiru.
Gaaffiin Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa argachuuf gaafatte seerota kanneenirraa kan maddu ta’uu eeranii, gaaffichi ammatti sadarkaa idil addunyaatti beekamtii argachaa dhufuusaa dubbataniiru.
Seerri sadarkaa idil addunyaatti qophaa’ee fi biyyi kamiyyuu Ulaa galaanaa dhabuurraa kan ka’e fayyadama dinagdeerraa boodatti akka hinhafne taasisu jiraachuu dubbataniiru.
Seerri kun biyyoonni Ulaa galaanaa hinqabne biyyoota Ulaa galaanaa qabanirraa haal duree tokko malee Ulaa galaanaa akka argatan kan dandeessisu ta’uu dubbataniiru.
Dhaabbanni mootummoota gamtoomanii seera kana raawwachiisuuf akshin pilaanii Awaazaa qopheessee hojiirra oolchuusaa ibsaniiru.
Yeroo ammaa dhimmi Ulaa galaanaa mootummaa bira darbee ajandaa Itiyoophiyaanotaa ta’uusaa eeraniiru.