Paarkiin biyyaalessaa gaarreewwan Baalee bifa heddumminaa dinqisiisaa ta’een bakka turizimii ijoo keessaa tokko ta’uun itti fufeera-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad - ENA Afaan Oromoo
Paarkiin biyyaalessaa gaarreewwan Baalee bifa heddumminaa dinqisiisaa ta’een bakka turizimii ijoo keessaa tokko ta’uun itti fufeera-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad

Onkoloolessa 8/2018(TOI)- Paarkiin biyyaalessaa gaarreewwan Baalee bifa heddumminaa dinqisiisaa ta’een bakka turizimii ijoo keessaa tokko ta’uun itti fufeera jechuun ibsan Ministiria muummee Dr. Abiyyi Ahimad.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniin dawwannaan Godina Baalee guyyaa jalqabaa taasifne walitti hidhamiinsa uumama dinqii fi misooma jidduu jiru nu’agarsiiseera jedhan.
Paarkiin biyyaalessaa gaarreewwan Baalee bifa heddumminaa dinqisiisaa ta’een bakka turizimii ijoo keessaa tokko ta’uun itti fufeera jechuun ibsaniiru.
Loojiin Diinshoo handhuura paarkichaarratti dhiheenyatti wayita xumuramu dandeettiin dilbii kun caalaa nicima jedhaniiru.
Dhiheenya loojichaatti ijaaramaa kan jiruu fi yeroo gabaabaa keessatti kan xumuramu loojiin Soof Umar turizimiin dursaa dinagdee keenyaa isa ijoo gochuun kan kaa’e karoora tarsiimawaa waggaa 10nii kan hojiirra oolchudha jedhaniiru.
Loojichi turtii daawwattoota Loojii Soof Umar kan guddisanii fi tajaajila bashannanaa kan kennan deeggrsa pirojektii misooma holqa Soof umariin kan itti qophaa’anidha jedhan ministirri muummee ergaasaaniin,
Gama bu’ura misooma daandiitiin pirojektiin fooyyessa daandii Roobee-Gooroo-Soof Umar-Gindhiir oomishtummaan kan beekaman godinaaleen Baalee Bahaa fi Baalee oomishasaanii jiddu gala Itiyoophiyaan kan wal quunnamsiisudha jedhan.
Toorri kun qaqqabummaa fi walitti hidhata dinagdee qofa osoo hintaane imala bakkeewwan hawataa ijoo kan akka holqa Soof Umar fi gaarreewwan Baalee ni mijeessu jedhaniiru.
Sadarkaa olaanaatti aspaaltii dachaan kan hojjetame daandii magaalaa fi baadiyyaa km. 29 kan of keessaa qabu riqaawwan meetira 12 amma 140 dheeratan shan ijaaramuufii ibsan.
Daawwannaa guyyichaa pirojektii lolaa laga Weeyib to’atu ilaaluun xumurreerra jedhan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad.
Hojiileen hundi ejjennoo cimaa fi gocha misooma fulla’aaf qabnu kan saaqanidha jedhan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa dabarsaniin.