Tamsaasa Kallatti:

Agarsiisichi walitti hidhamiinsa gabaan alatti invastimantiiwwan Itiyoophiyaa keessa jiran ilaaluuf nu gargaareera-Kaampaaniiwwan paakistaan

Onkoloolessa 7/2018 (TOI)-Yaa’iin misooma daldalaa fi agarsiifni Paakistaan-Afriikaa shanaffaan walitti hidhamiinsa gabaa uumuun alatti invastimantiiwwan Itiyoophiyaa keessa jiran laaluu akka isaan dandeessise kaampaaniiwwan Paakistaan ibsan.

Sagantaan baniinsaa yaa’ii misooma daldalaa fi agarsiifni Paakistaan-Afriikaa shanaffaan gaggeeffamu itti fufeera.

Kaampaaniiwwan Paakistaan agarsiisa hariiroo dinagdee fi daldalaa paakistaan cimsuuf

akeemane kanarratti hirmaatan TOI’f akka ibsanitti, hariiroo daldalaa Paakistaanii fi biyyoota Afriikaa jidduu jiru sadarkaa olaanaatti ceesisuuf carraan guddaan uumameera.

Maarkeetiing maanaajariin kaampaanii Piriiksi Seyid AbulhasanAbbaas akka jedhasnitti, yaa’iin daldalaa fi agarsiifni Paakistaan Afriikaa kaampaaniisaaniif carraa guddaa fideef.

Daldaltoonnii fi fichisiiftoonni biyyoota Afriikaa hedduun bakka tokkotti kallattiin argamuunsaanii walitti hidhamiinsa gabaa uumuusaa eeraniiru.

Hojii raawwachiisaan olaanaa Giriin keebilsi Maarzaa Adinaan Manzur gamasaaniin, Itiyoophiyaan seensa Afriikaa ta’uushee fi filannoowwan invastimantii bal’aan jiraachuu hubanneerra jedhan.

Hojii raawwachiisaa olaanaan huccuu Sadaqaat  Taariiq Sataar akka jedhanitti, namoonni agarsiisa kana daawwatan hedduun oomishasaanii daawwachuunsaanii gabaa haaraa uumuuf carraa gaarii uumeeraaf.

Oomishaalee dhaabbannisaanii oomishu biyyoota addaddaaf dhiheessuuf carraa gaarii argachuusaanii eeraniiru.

Humni gabaa guddaan Itiyoophiyaa fi Afriikaa jiru ilaaluun Itiyoophiyaa keessatti Invast gochuuf qophaa’uusaanii beeksisaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015