Tamsaasa Kallatti:

Hojii qulqullina barumsaa eegsisuuf hojjetamu keessatti deeggarsii fi hordoffiin hooggansa damichaa cimuu qaba

Onkoloolessa 7/2018(TOI)- Hojii qulqullina barumsaa eegsisuuf naannoo Oromiyaatti hojjetamu keessatti deeggarsii fi hordoffiin hooggansa damichaa sadarkaan jiruu cimuu akka qabuhimame.

Barattoota qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaan qabxii olaanaa galmeessisaniif bakka hooggantoonni olaanoo naannichaa argamanitti badhaafnii fi beekamtiin kennameera.

Paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira damee naannichaa obbo Kaffaaloo Tafarraa wayita kana akka ibsanitti, hooggansi sadarkaan jiru dhaloota beekumsaa fi ogummaan gabbate ijaaruuf tumsuu qaba.

Keessumaa manneen barumsaa waggoota walitti aananitti barataa tokkollee dabarsuu indandeenye akka jiran kaasanii, manneen barumsaa kunneen rakkoosaanii sirriitti sakatta’anii furmaatarratti hojjechuu qabu jedhaniiru.

Kanaaf ammoo hooggansi damee barnootaa sadarkaan jiru miira itti gaafatamummaa qabuun humna guutuun damee barnootaa bu’a qabeessa gochuuf cimee hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.

Damee barnootaan alattis hooggantoonni godinaa, aanaa fi magaalaa xiyyeeffannoo kennuun deeggaruu fi to’achuun akka irraa eegamu dubbataniiru.

Hawaasnis hojiilee qulqullina barnootaa eegsisuuf hojjetaman deeggaruun dhaloota fooyya’aa ijaaruu keessatti deeggaruu akka qaban dubbataniiru.

Badhaafamtoota keessaa mana barumsaa bultii addaa Yunivarsiitii Haroomayaarraa kan dhufe barataa Fira’aansii Mokonnon, qabxii fiduuf kan isa gargaare xiyyeeffannoo barumsaaf kennee fi yeroo qo’annaasaa sirnaan fayyadamuu ta’uusaa dubbateera.

Barattoonni yeroosaanii guutummaan barnootaaf oolchuun qayyabachuu yoo danda’an qabxii gaarii fidu kan jedhe barataan kun, fuulduras barumsa isaan cimee qabxii gaarii galmeessuuf akka carraaqu ibseera.

Mana barumsaa bultii addaa Dodolaarraa kan dhufe barataa Amaan Hashiim gamasaatiin, galtee barnootaa mana barumsaa addaatti mijatetti fayyadamuun cimee qayyabachuun qabxii olaanaa galmeessisuusaa dubbateera.

Barattoonni biroos barumsa isaanii sirnaan hordofuun fi cimanii qayyabachuun qabxii fiduu akka danda’an yaada kenneera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015