Tamsaasa Kallatti:

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad loojii Diinshoo fi lafa margaa Gesee daawwatan

Onkoloolessa 7/2018 (TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad,giifti dureen Zinnaash Taayyaachoo fi hooggantoonni mootummaa garagaraa Godina Baaleetti ijaaramaa kan jiru loojii Diinshoo fi lafa margaa Gesee daawwataniiru.

Finfinneerraa kibba lixaatti km. 400 naannoo Oromiyaatti kan argamu paarkiin biyyaalessaa gaarreewwan Baalee iskuweer kiiloo meetirii kuma 2 caalurratti akka argamu odeeffannoon waajjira ministira muummee nimul’isa.

Paarkiin kun gaara Itiyoophiyaatti dheerinasaatiin lammaffaa ta’e dabalatee teessuma lafaa dinqisiisaa, bineensota bosonaa, bosonoota, Gachee margaa fi biqiltuuwwan akaakuu garagaraa waan of keessaa qabuuf “addunyaa garagaraa paarkii tokko keessatti” jedhamee amma waamamuutti akka gahe eerameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015