Tamsaasa Kallatti:

Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee gaggeessaa biyyaalessaa reeffa ministira muummee Keeniyaa duraanii Raayilaa Odiingaa irratti argaman

Onkoloolessa 7/2018 (TOI)-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee gaggeessaa biyyaalessa  reeffa ministira muummee Keeniyaa duraanii Raayilaa Odiingaa irratti argaman.

Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Keeniyaa Joomoo Keeniyaataa wayita gahan ministira dhimma alaa Keeniyaatti daarektar jeneraaliin dhimmoota Afriikaa  ambaasaaddar Uburuu Deeniis, barreessaan kaabinee ministeera dhimma alaa Keeniyaa Adin Du’allee, barreessaan Kaabinee ministeera barnootaa Keeniyaa  Juliiyes Ogambaa, Keeniyaatti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Baacaa Dabalee fi dippilomaatonni embaasii Itiyoophiyaa Keeniyaatti argamuu simataniiru.

Gaggeessaan biyyaalessaa reeffa ministira muummee Keeniyaa duraanii Raayilaa Odiingaa Naayiroobii Istaadiyeemii biyyaalessaa Ninaayootti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, hoggantoonni biyyoota garagaraa sirnicharratti argamaniiru.

Awwaalchi Odiingaa Dilbata Onkoloolessa 9 bara 2018 bakka dhalootasaanii Boondootti akka raawwatamusagantaan bahe nimul’isa.

Raayilaa Odiingaa Hinditti waldhaanamaa turanii torbee kana keessa waggaa 80tti lubbuunsaanii darbuun niyaadatama.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015