Faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuu fi seenessa waloo ijaaruuf hojiilee hojjetamaniin itti gaafatama ogummaa keenyaa nibaana - ENA Afaan Oromoo
Faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuu fi seenessa waloo ijaaruuf hojiilee hojjetamaniin itti gaafatama ogummaa keenyaa nibaana

Onkoloolessa 7/2018 (TOI)- Faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuu fi seenessa waloo ijaaruuf hojiilee hojjetamaniin itti gaafatama ogummaa ga’umsaan akka bahatan hooggantoonnii fi hojjettoonni Tajaajila duu Itiyoophiyaa waadaa galuun mirkaneessan.
Hooggantoonnii fi hojjettoonni Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa mata duree “faayidaa biyyaalessaa fi dhaabbii Ji’oostiraateejii” jedhurratti mari’ataniiru.
Hojii raawwachiisaan olaanaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Seyifee Darribee akka jedhanitti, gaazexessoonni mata dureewwan faayidaa biyyaalessaa eegsisuu fi tokkummaa sabdaneessummaa cimsuuf dandeessisanirratti hojjechuu qabu.
Hojiiwwan seenessa waloo ijaaruu fi badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf gargaaran hojjechuun ittigaafatama ogummaa bahuun akka isaan irraa eegamu dubbataniiru.
Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi xumuramuunsaa seenesa duraanii jijjiiruu akka dandeessise kaasanii, pirojektoonni toora Itiyoophiyaa boruu jijjiiran hojjetamaa akka jiran ibsaniiru.
Itiyoophiyaan ummata hedduu fi dinagdee guddaa qabaattus Ulaa galaanaa akka hinqabne kaasanii, ogeeyyonni sabquunnamtii Tattaaffii Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa argachuuf ittigaafatama ogummaasaanii gahumsaan akka bahan ibsaniiru.
Hojjettoonni Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa dhageettii fi dandeettii dhiibbaa geessisuu Itiyoophiyaan qabdu mirkaneessuuf lammummaan gamatti ittigaafatama ogummaa akka qaban ibsaniiru.
Itti aanaan hojii raawwachiisaa olaanaa tajaajila oduu Itiyoophiyaa Nagaasii Ambaayee, barreeffama maree wayita dhiheessan akka ibsanitti, bara dhugaan boodaatti badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf sadarkaa yeroo madaaluun itti gaafatama ogummaa sirriitti bahachuun nibarbaachisa.
Faayidaan biyyaalessaa dhimma jiraachuu biyyaa, nageenyaa fibadhaadhinaa ta’uu eeranii, dhaabbiin faayidaa biyyaalessaa fi ji’oostiraatejikaawii ajandaa ummataa fi dhalootaa gochuuf qooda keenya bahuu qabna jedhaniiru.
Itiyoophiyaan boqonnaa bayyanachuurra kan jirtuu fi pirojektoota gurguddoo raawwachaa jiraachuushee kan kaasan ammoo itti aanaa hojii raawwachiisaa olaanaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Tafarraa Baqqalaati.
Hojiilee faayidaa biyyaalessaa mirkaneessan hojjechuun miidiyaaleerraa kan eegamu ta’uus kaasaniiru.
Hojjettoon TOI gamasaaniin, hojiileen misoomaa Itiyoophiyaa keessatti ijaaramaa jiran akka milkaa’anii fi seenessa waloo ijaaruuf qoodasaanii cimsanii akka itti fufan dubbataniiru.
Faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuu fi seenessa waloo ijaaruuf tattaaffii taasifamu keessatti itti gaafatama ogummaasaanii cimsanii akka itti fufan mirkaneessaniiru.