Tajaajila tola ooltummaa Aadaa godhachuun Harka Qal’eeyyii deeggaruu fi hojiin jireenyasanii jijjiiruu bakkeewwan hundatti itti fufa-Ministira Dr. Alamuu simee - ENA Afaan Oromoo
Tajaajila tola ooltummaa Aadaa godhachuun Harka Qal’eeyyii deeggaruu fi hojiin jireenyasanii jijjiiruu bakkeewwan hundatti itti fufa-Ministira Dr. Alamuu simee

Onkoloolessa 7/2018(TOI)-Tajaajila tola Ooltummaa Aadaa godhachuun harka qal’eeyyii deeggaruu fi hojiin jireenyasaanii jijiiruu bakkeewwan hundatti kan itti fufu ta’uu Miistirri Geejibaa fi LoojistiksiiDr.Alamuu Simee ibsan.
Paartii Badhaadhinaatti gurmaa’insa Dhaabbilee Federaalaa kilaastera badhaadhina Dinagdee, bulchiinsa Diree Dawaatti, tajaajila tola ooltummaa Gannaan manneen Ijaarsise fayyadamtootaaf dabarsee kenneera.
Sirna wal harkaa fuudhinsaa kanarratti kan argaman gurmaa’insa dhaabbilee federaalaatti gaggeessaan kilaastera badhaahina Dinagdee fi Miistirri Geejibaa fi Loojistiksii Dr.Alamuu Simee, Waggoottan torban darban mootummaan badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Keessumaa hojii tola ooltummaa Gannaa fi bona hojjetamaa jiraniin wal gagaaruu fi walooma cimsuurra darbee rakkoo hawaasummaa uummataa furaa jiraachuusaanii dubbataniiru.
Bu’aawwan kana itti fufsiisuun Itiyoophiyaanota hunda aadaa wal deeggaruu dagaagsuu akka qabnu hubachiisaniiru.
Guyyaa har’aa Diree Dawaatti Tajaajila tola ooltummaa Gannaan manneen ijaaraman jireenya maatii harka qal’eeyyii fi manguddootaa fooyyessuuf kan dandeessisanidha jedhaniiru.
Tajaajila tola ooltummaa Aadaa godhachuun harka qal’eeyyii deeggaruu fi hojii jireenya saanii fooyyessuu bakkeewwan hundatti itti fufa jechuun mirkaneessaniiru.
Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Diree Dawaa Harbii Buh gamasaaniin Dhaabbilee Federaalaa kilaastaricha jala jiran tajaajila tola ooltummaa Dirree Dawaatti raawwatan galateeffataniiru.
Bulchiinsichatti tajaajila tola ooltummaa bara 2017n Manneen Haarawaan 291 kan ijaaraman yoo ta’u, Manneen 281 immoo Haaromsuun jireenyaa fi haala jireenyaa maatii harka qal’eeyyii jijiiruuf tattaaffiin taassifameera jedhaniiru.
Baatiiwwan bonaa fuulduratti hawaasa hirmaachisuun bu’aawwan fooya’aa galmeessisuuf ammumaan sochii eegaluusaanii eeraniiru.
Bulchiinsichattii tajaajila tola ooltummaa Gannaan dameewwan hojii adda addaan jiraattota hedduu fayyadamoo taassisan raawwatamuu isaanii kan ibsan immoo Bulchiinsa Diree Dawaatti Komishinara Komishinii Ispoortii Kaaliid Mahaammaddi.
Tajaajila Tola ooltummaa Gannaan tola ooltonni kuma 90 ol hirmaachuusaanii ibsaniiru.