Hojiileen naannoo Oromiyaatti qulqullina barnootaa mirkaneessuuf eegalaman tattaaffi qindaa’aa qooda fudhattootaan itti fufu - ENA Afaan Oromoo
Hojiileen naannoo Oromiyaatti qulqullina barnootaa mirkaneessuuf eegalaman tattaaffi qindaa’aa qooda fudhattootaan itti fufu

Onkoloolessa 7/2018(TOI)- Hojiileen naannoo Oromiyaatti qulqullina barnootaa mirkaneessuuf eegalaman tattaaffi qindaa’aa qooda fudhattootaan akka itti fufan sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti qindeessaan kilaastara hawaasummaa Oromiyaa Saadaat Nashaa ibsan.
Konfaransiin barnootaa naannoo Oromiyaa Adaamaatti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u barattootaqormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaan qabxii olaanaa fidaniif beekamtii fi badhaafni kennameera.
Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Sa’aadaa Abduraahimaan, paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira damee naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa, sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti qindeessaan kilaastara magaalotaa Masfin Malaakuu dabalatee hooggantoonni olaanoon naannichaa biroon saganticharratti argamaniiru.
Sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti qindeessaan kilaastara hawaasummaa naannichaa Saajaat Nashaa wayita kana akka ibsanitti, mootummaan naannichaa barumsa qulqulluu dhalootaan gahuuf hojiilee bu’a qabeessa hojjechaa jira.
Manneen barumsaa idileen duraa bu’ura boruu baay’inaan ijaaramuu yaadachiisanii manneen barumsaa sadarkaa jalqabaa fi lammaffaa xumuramanii tajaajilaaf ooluu dubbataniiru.
Keessumaa muuxannoowwan manneen barnootaa bultii addaatti mul’atan bal’isuun damee saayinsii fi teeknooloojiin dhaloota beekumsa fooyya’aa qabu ijaaruuf hojjetamaa jira jedhaniiru.
De’eetaan ministira barnootaa Ayyalach Isheetee gamasaaniin, barumsi qaqqabummaa, sirrii ta’ee fi qulqullina bu’ura godhate amma barbaadamu mirkaneessuun xiyyeeffannoo mootummaa ta’uu kaasaniiru.
Sirna barnootaa haaraa bu’ura qbsiisuufkitaabota barumsaa qaqqabsiisuuf ministeerichi kitaabota miiliyoona 24 naannolee fi bulchiinsa magaalotaaf raabsuuf hojjechaa jira jedhaniiru.
Hoogganaan biiroo barnootaa naannoo Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo, Barattoonni naannichaa bu’urarraa dubbisuu, barreessuu fi xiinxaluu akka danda’an xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.