Tamsaasa Kallatti:

Karaa misooma daangaa qaxxaamuruutiin guddina hunda galeessa mirkaneessuuf nihojjetama-IGAD

Onkoloolessa 7/2018(TOI)-IGAD misooma daangaa qaxxaamuru cimsuun walitti hidhamiinsi riijinii akka dhugoomu kutannoon akka hojjetu beeksise.

Walgahiin waggaa dhaabbata maallaqaa idil addunyaa(IMF) fi baankii addunyaa Waashiingitan Diisiitti gaggeeffamaa jiru har’a guyyaa afraffaa qabateera.

Walgahii waggaa kana cinaatti walgahiin Inisheetiivii gaanfa Afriikaa 26ffaan kan gaggeeffame yoo ta’u marii misooma kontraaktara daangaa irratti xiyyeeffate gaggeessuun hirmaattonni inisheetiivichaa rood maappii daangaa qaxxaamuru raggaasisaniiru.

Hojmaatileen faayinaansii rood maappicha hojiirra oolchuu dandeessisan waltajjicharratti ifoomaniiru.

Itti aanaa barreessaa muummuchaa IGAD Mahaammad Abdii Waaree IGAD misoomni daangaa qaxxaamuru riijinii cimaa, guddina dinagdee fi bu’ura walitti hidhamiinsaa akka ta’u kutannoon akkahojjetu ibsaniiru.

Itti aanaan barreessaa muummee kun  walgahicha cinaatti ministiroota maallaqaa Itiyoophiyaa, Jibutii fi Somaaliyaa dabalatee hooggantoota biyyoota garagaraa waliin marii gam–lamee taasisaniiru.

Mariin taasisan walitti hidhamiinsa riijinii IGAD fi galmoota misoomaa caalaatti cimsuun haala danda’amurratti kan xiyyeeffatan ta’uu odeeffannoon TOI’n dhaabbata riijinichaa irraa argate nimul’isa.

 Walgahiin waggaa dhaabbata maallaqaa idil addunyaa (IMF) fi baankii addunyaa amma Onkoloolessa 8 bara 2018tti nigaggeeffama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015