Kilaastariin badhaadhina dingdee manneen jireenyaa tajaajila tola ooltummaa gannaan ijaarsise dabarsee kenne - ENA Afaan Oromoo
Kilaastariin badhaadhina dingdee manneen jireenyaa tajaajila tola ooltummaa gannaan ijaarsise dabarsee kenne
Onkoloolessa 7/2018(TOI)-Paartii badhaadhinaatti kilaastarri badhaadhina dinagdee gurmaa’insa dhaabbilee federaalaa manneen jireenyaa tajaajila tola ooltummaa gannaan ijaarsise eebbisiisee warra maluuf dabarsee kenneera.
Hoogganaan kilaastara badhaadhina dinagdee fi ministirri geejjibaa fi lojistiksii Dr Alamuu Simee fi hooggantoonni kilaastarichaa biroon manneen jireenyaa ijaaraman dabarsanii kennaniiru.
Hoogganaan waajjira kilaastara badhaadhina dinagdee gurmaa’insa dhaabbilee federaalaa Gannanaa Darajjee, manneen jireenyaa qulqullinaa fi hatattamaan kilaastarichaan ijaaraman warra maluuf kennamuu ibsaniiru.
Tajaajiloonni tola ooltummaa qindoominaa fi tumsa dhaabbilee federaalaa, naannolee fi bulchiinsota magaalaan raawwatamaa jiran badhaadhina fulla’aa mirkaneessuurra darbee rakkoolee hawaasummaa fi dinagdee harka qalleeyyii kan salphisan ta’uus dubbataniiru.
Tajaajilli tola ooltummaa aadaa ta’aa dhufee wadeeggarsaa fi walooma cimsaa jiraachuu kaasanii, hojiileen akkasii fulla’insa akka qaban beeksisaniiru.
Dhaabbileen federaalaa kilaastaricha jalatti argaman afur guyyaa har’aa birrii miiliyoona 12 caalu baasii gochuun manneen jireenyaa 20 maanguddootaa fi harka qalleeyyiif Dirree Dawaatti ijaarsisan qaama kanaa ta’uun beekameera.