Tamsaasa Kallatti:

Tattaaffiin Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa argachuuf itti jirtu dubduubee seenaa fi ulaagaa seerota idil addunyaatiin fudhatama kan qabuu fi amansiisaadha

Onkoloolessa 7/2018(TOI)-Tattaaffiin Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa argachuuf itti jirtu dubduubee seenaa, sanadoota seera qabeessa, teessuma lafaa fi ulaagaa seerota idil addunyaatiin fudhatama kan qabuu fi amansiisaa ta’uu barsiisaan ogummaa hooggansaa fi hariiroo idil addunyaa Dr. Geetiyyee Tirfee ibsaniiru.

Gaaffiin ulaa galaanaa kan qananii osoo hintaane dhimma jiraachuu ta’uu Yuunivarsiitii Yuunitiitti barsiisaan ogummaa hooggansaa fi hariiroo idil addunyaa Dr. Geetiyyee Tirfee TOI’f ibsaniiru.

Tattaaffiin Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa argachuuf itti jirtu dubduubee seenaa, sanadoota seera qabeessa, teessuma lafaa fi ulaagaa seerota idil addunyaatiin fudhatama kan qabuu fi amansiisaa ta’uu cimsanii kaasaniiru.

Adeemsa amma ammaatti jiruun ulaagaalee hedduutiin fudhatama idil addunyaa akka qabu hubachuusaanii ibsaniiru.

Bu’a qabeessummaasaaf Itiyoophiyaan bu’ura seeraa qabdu, seena qabeessummaa fi ragaan sanadaa qabdutti fayyadamuun mala olaantummaa dippilomaasii karaa nageenyaatiin tattaaffii itti jirtu cimsuun akka irraa eegamu gorsaniiru.

Kanaaf ammoo waanti gargaaru ejjennoonshee sirrii ta’uu biyyoota ollaa, gamtaa Afriikaa, IGAD, dhaabbilee idil addunyaa fi biyyoota dhiibbaa uuman kan guddina waloo deeggaraniif amma barbaadamu hubachiisuu ta’uu hubachiisaniiru.

Ulaan galaanaa guddina hunda galeessa fooyya’aaf ijoo ta’uu hubachiisanii, Ulaa galaanaa karaa seeraan alaa fi fedhii ummataan alatti dhabde argachuu akka qabdu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015