Tamsaasa Kallatti:

Gamtaan Afriikaa fi mootummoonni gamtoomanii tumsa waloo  agama nagaa fi tasgabbiin qaban cimsuuf kutannoosaanii ibsan

Onkoloolessa 7 /2018 (TOI)- Gamtaan Afriikaa fi mootummoonni gamtoomanii tumsa agama nagaa fi tasgabbiin qaban cimsuuf kutannoon akka hojjetan beeksisan.

Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yuusuuf miseensota mana maree nageenyaa mootummoota gamtoomanii teessoo muummee gamtichaa Finfinneetti dubbisaniiru.

Dura taa’ichi tasgabbii, nageenyaa fi misooma dabalatee dameelee xiyyeeffannoo gamtaa Afriikaa ilaalchisuun miseensota mana marichaaf ibsaniiru.

Tumsi gamtaa Afriikaa fi mana maree nageenyaa Dh.M.G Afriikaa karaa hammattoo biyyoota Afriikaa bakka bu’uun mana maree nageenyaa Dh.M.G miseensa jjjiiramaa ta’uun tajaajilaa jiranii (A3) cimsuun akka barbaachisu dubbataniiru.

Afriikaan mana maree kana keessatti bakka bu’ummaa dhaabbataa argachuu akka qabdu cimsanii dubbataniiru.

Manni maree nageenyaa ergamoota nagaa kabachiisuu Afriikaan durfamu ilaalchisee yaada murtoo raggaase lakk. 2719 eeruun hojiin naggaa kabachiisuu tasgabbii fulla’aa Afriikaaf guddaa murteessaa akka ta’e dubbataniiru.

Miseensonni mana maree tasgabbii gaggeessummaa gamtaa Afriikaa dinqisiifateera.

Miseensonni gamtaan Afriikaa fi tasgabbii, nageenyaa fi misooma fulla’aa mootummoota gamtoomanii dabalatee ajandaawwan Afriikaa kan waloo ta’an irratti tumsa qaban cimsuuf kutannoo qaban ibsuusaanii odeeffannoon TOI’n gamticharraa argate nimul’isa.

Manni maree nageenyaa fi tasgabbii gamtaa Afriikaa fi manni maree nageenyaa mootummoota gamtoomanii marii waloo kaleessa Finfinneetti kan eegalan yoo ta’u mareen kun har’as itti fufa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015