Tamsaasa Kallatti:

Galmoonni misoomaa biyyaalessaa akka galmaa’an qoodasaanii akka cimsan dargaggoonni dubbatan

Onkoloolessa 6/2018(TOI)-Galmoonni misoomaa biyyaalessaa akka galmaa’an qoodasaanii akka cimsan dargaggoonni dubbatan

Leenjiin gabbisa dandeettii miseensota damee dargaggootaa fi dubartootaaf Paartii badhaadhinaatti waajjirri damee Dirreedawaa qopheesse xumurameera.

Dargaggoonni leenjii mata duree “Ijaarsi dhaloota ida’amuu guddummaa Itiyoophiyaa” jedhuun kenname irratti hirmaatan akka jedhanitti, pirojektoota gurguddoo akka biyyaatti eegalaman dhugoomsuuf hojii hojjetamu keessatti qoodasaanii bahachaa jiru.

Hirmaattota leenjichaa yaada kennan keessaa dargaggoo Ramadaan Dastaa akka jedhetti, hojiileen misoomaa fi bulchiinsa gaarii Dirree Dawaatti eegalaman akka milkaa’an qoodasaa bahaa akka jiru ibseera.

Beekumsaa fi humna qabduun badhaadhinni biyyaa akka mirkanaa’u qoodashee bahaa akka jirtu kan ibsite ammoo shamarree Tsiyoon Wubisheeti.

Pirojektoonni biyyaalessaa akkaataa karoorfameen akka milkaa’an nagaan jiraachuun bu’ura waan ta’eef hojiirra oolmaa isaaf hirmaannaan dargaggootaa murteessaa ta’uu eerteetti.

Dargaggii Ibsaa Ahimad gamasaan, pirojektoonni biyyaalessaa gurguddoon eegalaman sadarkaa sadarkaan fayyadama misoomaa dargaggootaa akka guddisan dubbateera.

Paartii badhaadhinaatti itti aanaan hoogganaa waajjira damee Dirree Dawaa obbo Shaakir Ahimad, dargaggoon hirmaannaa misooma biyyaarratti qabu guddisuuf bulchiinsichi deeggarsa walirraa hincinne taasisa jedhaniiru.

Biyyi akka misoomtu nageenyi bu’ura waan ta’eef dargaggoon mootummaa waliin qindaa’uun caalaatti hojjechuu qaba jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015