Hawaasni waliin dhahiinsa appilikeeshinii hawaasummaan irra gahurraa akka ofeeggatu gaafatame - ENA Afaan Oromoo
Hawaasni waliin dhahiinsa appilikeeshinii hawaasummaan irra gahurraa akka ofeeggatu gaafatame

Onkoloolessa 6/2018 (TOI)-Qaamoleen appilikeeshiniiwwan hariiroo hawaasummaan yaka waliin dhahuu raawwatan seeraan akka gaafataman hojjechaa akka jiru tajaajilli nageenya faayinaansii beeksise.
Namoonni gocha waliin dhahuurratti bobba’an tokko tokko beekamtii fi eyyama namoota dhuunfaan ala Moobaayiliisaanii seenuun appilikeeshinii quunnamtii hawaasaa namoota dhuunfaa odeeffannoowwan iccitii kanneen akka (watis appii fi telegiraamii) kkf hatuun gocha maallaqa waliin dhahuu irratti bobba’uusaanii tajaajilichi ibseera.
Waliin dhooftonni kunneen appilikeeshiniiwwan hriiroo hawaasaa erga to’atanii booda abbaa akkaawuntii isa dhugaa fakkaachuun maatii, fira, hiriyyaa fi miiltoo hojii nama sanaan galmaa’aniif bilbiluun ergaa barreeffamaa akka waan maallaqa rakkatanii fakkeessanii erguun akkaawuntii baankii kaayyoo waliin dhahuuf qophaa’etti akka ergamuuf taasisu jedheera tajaajilichi.
Tajaajilli nageenya Faayinaansii eeruu isa qaqqaban bu’ureffachuun qaamolee gocha yakkaarratti bobba’an adda baasuu fi hordofuun seeraan akka gaafataman dhaabbilee qooda fudhattootaa waliin qindaa’ee hojjechaa akka jiru odeeffannoo TOI’f ergeen beeksiseera.
Hawaasni gocha waliin dhahuu kana ittisuuf ergaa bilbilasaan ergamuuf deebii osoo hinkenniin dura ergaan kun sirrii ta’uusaa karaa adda addaa mirkaneessuun ofeeggannoo akka godhu hubachiiseera.
Akkasumas ergaa ofeeggannoo dhaabbilee addaddaarraa darban hordofuun gocha yakkaarraa akka ofeeggatuu fi yakka raawwatame yoo argu qaamolee seera kabachiisaniif akka beeksisu waamicha dhiheesseera.