Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaan misooma magariisaan carraa hojii uumuurratti hojii bu’a qabeessa raawwachaa jirti

Onkoloolessa 6/2018(TOI)-Itiyoophiyaanmisooma magariisaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuun eegumsa naannoon alatti carraa hojii olaanaa uumuun Afriikaatti hojii adda duree hojjechaa akka jirtu ibsame.

Kun kan ibsame waltajjii qo’annoon inistiitiyuutii qo’annoo imaammataa mata duree “carraalee hojii magariisaa fi dargaggoota”jedhuun qo’atame qooda fudhattoonni garagaraa argaman ifoomerrattidha.

Pirezidaantiin waldaa oogeessota Ikonomiksii Itiyoophitaa fi dursaan qo’annichaa Piroofeesar Xaasoo Waldahaannaa akka ibsanitti, carraan hojii misooma magariisaan uumamu fulla’insa naannawaa mirkaneessuun gamatti dargaggootaaf carraa hojii olaanaa uumuu irratti qooda murteessaa qaba.

Fuulduratti carraa hojii misooma magariisaan uumamu sektaroota hunda keessatti bal’isuun fayyadama carraa hojii dargaggootaa mirkaneessuu akkasumas misooma magariisaa caalaatti guddisuun akka barbaachisu ibsaniiru.

Kanaaf keessumaa leenjiiwwan damee teekniikaa fi ogummaan carraa hojii uuman xiyyeeffannoo barbaachisu akka argatan akkasumas imaammattoota keessatti xiyyeeffannoon addaa akka kennamuuf gochuun jajjabaachuu akka qaban dubbataniiru.

Itti aanaan daarektara muummee inistiitiyuutii qo’annoo imaammataa Allebal Dasee gamasaaniin, qo’annoon kun tarsiimoowwan guddina magariisaa Itiyoophiyaa karoora bobbii hojii dargaggootaa akka deeggaru eeraniiru.

Argannoowwan gara imaammattootaa fi sagantaawwan qabatamaatti akka hiikaman waajjiraalee mootummaa dhimmi ilaaluu fi deeggartoota misoomaa waliin fuulduratti akka irratti hojjetamu dubbataniiru.

Inistiitiyuutichi leenjii ogummaa hojiilee magariisaa eegumsa naannoo cimsu irratti xiyyeeffannaan hojjechaa akka jiru kan ibsan ammoo inistiitiyuutii leenjii teekiniikaa fi ogummaa federaalaatti daarektarri dhimmoota Akkaadaamiikii Dr. Gannanaa Abbabaati.

Fuulduras hojii magariisaa caalaatti babal’isuuf keessumaa waajjiraalee qacartootaa fi dhaabbilee biroorratti hojii hubannoo cimsuun nibarbaachisa jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015