Tamsaasa Kallatti:

Sirna galiin ittiin walitti qabamu ammayyeessuun fayyadama misoomaa lammiilee kan fooyyessu dandeettiin galii uumamaa jira

Onkoloolessa 6/2018(TOI)- Sirna galiin ittiin walitti qabamu ammayyeessuun fayyadama misoomaa lammiilee kan fooyyessu dandeettiin galii uumamaa jiraachuu hooggantoonni biirolee galiiwwanii naannoo ibsan.

Hooggantoonni biiroo galiiwwanii naannoo Oromiyaa, Amaaraa fi Gaambeellaa TOI’tti akka himanitti, galii karoorfame milkeessuuf kutannoon hojjechaa akka jiran dubbataniiru.

Hoogganaan biiroo galiiwwanii Oromiyaa Rasfaayee Tulluu, sirna galiin ittiin walitti qabamu ammayyaa diriirsuun galiin walitti qabamu guddachaa jira jedhaniiru.

Hubannoon kaffaltoota Gubiraa guddachaa dhufuun, fooyya’insi hojmaataa fi sochiin dinagdee naannichaa bu’ura taaksii bal’isuun galiin walitti qabuuf carraa guddaa uumaa akka jiran dubbataniiru.

Hoogganaan biiroo galiiwwanii naannoo Amaaraa Kibrat Mahimud, kafaltiin teeknooloojiin deeggarame bu’aa bayii tajaajilamtootaa fi baasii hinmalle hir’isuun faayidaa guddaa gumaachaa akka jiru ibsaniiru.

Hoogganaan biiroo galiiwwanii naannoo Gaambeellaa Cheenkoo Deeviid, dandeettii galii guddisuunhojiileen misoomaa fayyadama dinagdee fi hawaasummaa lammiilee guddisan hojjetamaa jiru jedhaniiru.

Bara bajataa 2018 hubannoon galii walitti qabamu fooyyessan uumuu fi sirna tajaajila dijitaalaa diriirsuu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015