Tamsaasa Kallatti:

Fooyya’insi  Dinagdee Gooroo Itiyoophiyaa Invastimantii fi Daldalaaf haala mijataa uumeera

Onkoloolessa 6/2018(TOI)- Fooyya’insi Diinagdee  goroo guutuu Itiyoophiyaan hojiirra oolchite Invastimantii fi Daldalaaf caalaatti haala mijataa uumuusaa Ministirri Geejjibaa fi Loojistiksii  Dr.Alamuu Simee ibsan.

Sagantaan baniinsaa Yaa’ii fi agarsiisa misooma daldalaa Paakistaan-Afriikaa 5ffaan Finfinnee galma bar-kumeetti gaggeeffameera.

Yaa’ii fi agarsiia Misooma Daldalaa fi agarsiisaarratti dhaabbileen Omishaa paakistaan 150 ol hirmaachaa jiraachuu eeraniiru.

Sagantaa Baninsaa Kanarratti haasaa kan taassisan Ministirri Geejjibaa fi Loojistiksii  Dr.Alamuu Simee Itiyoophiyaan  balbala seensa Afriikaa ta’uu ibsuun, Daldalaa fi Invastimantiif haalli mijataan jiraachuu hubachiisaniiru.

Mootummaan kallattiin Invastimantii Alaa guddisuuf hojiiwwan hedduu hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Ministirichi itti dabaluunis, Itiyoophiyaa keessa filannoowwan Invastimantii bal’aan jiraachuu kaasuun, Qonnaan, Industiriiwwan omishaa fi dameelee biroon humna bal’aa qabaachuu ibsaniiru.

Itiyoophiyaa Gidduugala Daldalaa cimaa taassisuuf  hojiiwwan hedduun hojjetamaa jiraachuu  fi Misoomni  Dinagdee Guddinashee  kan  itti fufsiisan  meegga pirojektoonni hedduu ijaaraa jiraachuushee dubbataniiru.

Kanneen keessaa Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa  Guddichi  xumuramuu, hojiiwwan Qonnaa Wabii nyaataa Mirkaneessuuf hojjetaman , Kaka’umsa Ashaaraa Magariisaa, pirojektiiwwan Gaaziin Uumamaa, Ijaarsi waarshaa Xaa’oo kanneen eeramanidha jedhaniiru.

Hojiirra oolmaan Fooya’insa Dinagdee gooroo guutuu Paakistaan dabalatee biyyoota Addunyaa biroo  waliin dureeyyiin hedduun gara Itiyoophiyaa dhufuun  Invast akka godhaniif haala mijataa akka uume eeraniiru.

Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Paakistaan Atiif Shariif gamasaaniin,Yaa’iin Misooma Daldalaa Paakistaanii fi Biyyoota Afriikaa gidduutti  michummaa Diinagdee  jiru caalaatti akka jabeessu  ibsaniiru.

Yaa’ii fi Egzibiishinii qophaa’erratti kaampaanonni paakistaan 150 ol  hirmaachuusaanii ibsuun, har’a dabalatee guyyoota walitti fufan sadiif kan gaggeefamu ta’uu mirkaneessaniiru.

Egzibiishinichaan omisha qoricha wal’aansaa fi meeshaalee, bu’aawwan miidhaginaa fi kunuunsa gogaa, uffata adda addaa, bu’aawwan Qonnaa  soorataa fi  kanneen Kanaan wal qabatn, meeshaawan  jijiirraa Awutoomootivii  fi  omishawwan biroon  dhihaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015