Tamsaasa Kallatti:

Itiyoophiyaatti Ogummaan Gaazexeessummaa Faayidaa biyyoolessaa, tokkummaa Sab-daneessummaa, Seenessa waloo fi Badhaadhina biyyaa giddugaleeffachuu qaba

Onkoloolessa 6/2018(TOI)-Itiyoophiyaatti Ogummaan Gaazzexeessummaa Faayidaa biyyoolessaa, tokkummaa Sab-daneessummaa, Seenessa waloo fi Badhaadhina biyyaa  karaa gidduugaleeffateen  hojiirra ooluu akka qabu ministirri Gorsaan Minsitira Muummee Damee Hawaasummaa  Mu’aze xibebaati Diyaaqon Daani’eel Kibrat ibsan.

Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa Sagantaa jalqabsiisa giddugala  gahumsa  Miidiyaa Mooraa Yuunvarsiitii Finfinneetti  gaggeesseera.

 Gidduugalli  Gahumsa Miidiyaa Itiyoophiyaa Miidiyaa fi damee Beeksisaa ogummaa fi teekinooloojii yeroon gaafatuun deeggaramuun  akka hojjetuuf gahumsa ogeeyyii fi  dhaabbiilee Miidiyaa dagaagsuuf  kan kaayyefatedha.

Giddu galli Gahumsaa kun Yuunvarsiitii Finfinnee waliin wal-tumsuun faayidaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa kabachjiisuuf Naamusa ogummaa Gaazzexeessummaa, seerotaa fi dhimmoota biroo wal qabatan irratti leenjii kenna  jedhameera.

Ministirri Gorsaan Ministira Muummee dhimma Hawaasummaa Mu’aaze Xibebaat Diyaaqon Daani’eel Kibrat wayita kana akka jedhanitti, Gaazexeessummaan biyya keenya jiru Itiyoophiyaa fakkaachuu qaba.

Miidiyaawwan Itiyoophiyaa keessa jiran, kan dhuunfaas ta’e kan uummataa, Kan Amantaa, dhimmooota Afur irratti garaagarummaa qabaachuu hin qaban jedhaniiru.

Faayidaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa eegsisuurratti gaazexeessaan Miidiyaa kamirrattiyuu hojjetu dhimma dagachuu hin qabne ta’uu ibsaniiru.

Miidiyaan Tokkummaa sabdaneessummaa Itiyoophiyaa kan cimsan, tokkummaa fi tumsa hawaasaa kan agarsiisan ta’uu qabu jedhaniiru.

Seenessa waloo ijaaruu fi yaadama Itiyoophiyaan Badhaadhuu qabdi jedhu giddu galeeffatee hojjechuu akka qaban xiyyeefannoo kennaniiru.

Daarekteerri Olaanaan Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa Dr.Saamsoon Mokonnin  gamasaaniin, Miidiyaan Guddina hunda galeessaa  biyyaa fi faayidaan biyyoolessaa qooda bakka hin bu’amne akka qaban ibsaniiru.

Giddu galli Gahumsaa kun  faayidaa biyyoolessaa kan bu’uureffatee  fi Gaazexeessummaa Itiyoophiyummaa gonfate ga’oomsuuf ni gargaara jedhaniiru.

Giddu galli gahumsaa kun humna namaa gahoomee fi teekinooloojiin kan gurmaa’e ta’uu ibsuun, Imaammata baastotaa fi dhaabbilee Barnootaa olaanoo waliin  tumsaan hojjeta jedhaniiru.

Saganticharratti Afayaa’iin Mana Maree bakka bu’oota Uummataa Taaggasaa Caafoo, Qondaaltonni Olaanoon Federaalaa, Miidiyaalee adda addaa fi Hoggantoonni Yunvarsiistii Finfinnee akkasumas keessummoonni waamichi taassifameef   hirmaataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015