Tamsaasa Kallatti:

Kaanaadaan tumsa Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsitee itti fufti-Ambaasaaddara Kaanaadaa Niikolaas  sii maardi

Onkoloolessa  6/2018 (TOI)- Ambaasaaddarri Kaanaadaa Niikolaas Sii Maardi dhiheenya muudaman Kaanaadaan tumsa dinagdee garagaraa Itiyoophiyaa waliin qabdu bal’isuun cimsitee akka itti fuftu ibsan.

Pirezidaantiin RDFI Taayyee Atsqasillaasee Onkoloolessa 4 bara 2018 xalayaa muudamaa biyyoota garagaraa masaraa biyyaalessaatti fudhataniiru.

Ambaasaaddarri Sii Maardi wayita kana TOI’f akka ibsanitti, Itiyoophiyaa fi Kaanaadaan hariiroo dippilomaasii, dinagdee fi ummattoota iyyoota lamaanii cimaa bara dheeraaf ture qabu.

Hariiroon biyyoota lamaanii oolee bulee bal’achaa fi guddachaa dhufuusaa eeranii, Biyyoota Itiyoophiyaa misoomaan deeggaran gurguddoo keessaa Kaanaadaan ishee tokko ta’uuibsaniiru.

Ambaasaaddar Sii Maardi akka ibsanitti, Kaanaadaan tumsa dameelee Erispees, , albuuda, barnootaa fi kanneen biroon tumsa Itiyoophiyaa waliin qabdu Cimsitee itti fufti.

Dabalataanis Itiyoophiyaa fi Kaanaadaan riijinii Afriikaa Bahaatti nagaa fi tasgabbii mirkaneessuuf walitti dhiheenyaan hojjechaa akka jiran ibsanii, tumsa kana cimsanii akka itti fufan mirkaneessaniiru.

Tumsa kana fuulduras ciminaan akka itti fufan ambaasaaddarichi dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015