Misoomni Kooriidaraa Harar Magaalattii miidhagina dabalataa gonfachiiseera - ENA Afaan Oromoo
Misoomni Kooriidaraa Harar Magaalattii miidhagina dabalataa gonfachiiseera

Onkoloolessa 6/2018 (TOI)- Misoomni Kooriidaraa Harar jiraattotaaf bakka jireenyaa mijataa uumuun alatti magaalattii miidhaginaa fi dammaqina dabalataa gonfachiisuusaa jiraattonni dubbatan.
Misoomni Kooriidarii Magaalotaa Finfinnee fi magaalota naannolee garagaraa keessatti raawwatamuusaatiin bakka jireenyaa fi bashannanaaf mijataa taasisaniiru.
Harar magaalaan ganamaa keessummaa simachuu fi miidhagina isheen beekamtu misoomni kooriidaraa miidhagina dabalataa fi bakka bashannanaa filatamaa kan uumameef ta’uu jiraattonni gabaasaan TOI dubbise ibsaniiru.
Misoomni Kooriidaraa bakka jireenyaa mijataa uumuun alatti miidhaginaa fi dammaqina dabalataa magaalattii gonfachiisuu isaa kaasanii, kanattis gammanneerra jedhan.
Jiraattota magaalattii keessaa Caaltuu Usmaan fi Abdulqaadir Ibraahim, misoomni kooriidaraa keessumaa bu’urri misoomaa daandii mijataa akka ta’u godheera jedhaniiru.
Magaalattiitti daandiin namaa fi konkolaataa walkeessa waan tureef balaaf saaxilaa akka ture yaadachiisanii, misoomni kooriidaraa bu’ura misoomaa hundaaf mijatu uumuusaa ibsaniiru.
Daandii lafoo dabalatee daandiin bishkileetii, konkolaataa fi bakkeen magariisaa kan gargar baafame ta’uu jireenyaa fi bashannanaaf akka mijattu godheera jedhan.
Obbo Wandimmaagany Laashtawu fi obbo Alamaayyoo Zallaqaa gamasaaniin, hojiileen misooma kooriidaraa magaalattii kallattii garagaraan ijaaraman daandii lafoo, misooma magariisaa, bakkeewwan bashannanaa fi daandiiwwan Bishkiliitii walkeessa qabatanii Magaalaa Harar caalaa miidhagduu fi hawattuu ishee taasiseera jechuun dubbataniiru.