Tamsaasa Kallatti:

Bara bajataa kana oomisha qurxumii guddisuun wabii nyaataa qonnaan bulaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon taasifameera-Ministeera Qonnaa

Onkoloolessa 6/2018(TOI)- Bara bajataa kana oomisha qurxumii guddisuun wabii nyaataa qonnaan bulaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon taasifamuusaa Ministeerri Qonnaa beeksise.

De’eetaan ministira qonnaa  Dr. Fiqruu Raggaasaa TOI’f akka ibsanitti, sagantaa maaddii guutuu cimsuun wabii nyaataa mirkaneessuu fi sirna nyaataa dhugoomsuuf hojiitti galameera.

Haala Kanaan dameelee xiyyeeffannoon taasifameef keessaa tokko horsiisa qurxummii ta’uu ibsanii, hojiin kun haroowwan uumamaa fi namtolchee irratti hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Bara bajataa kana cuucii qurxummii miiliyoona 11 raabsuun qurxummii toonii kuma 320 misoomsuuf karoorfamuu dubbataniiru.

Karoora kana milkeessuuf wiirtuuwwan cuuciin  qurxummii itti baay’ifaman naannolee biyyattii hundatti ijaaramaa akka jirande’eetaan ministiraa kun ibsanii, maashinoonni cuuciin qurxummii ittiin deddeebifaman kan ho’aa fi qabbana to’atan naannoleef raabsamuusaanii dubbataniiru.

Cuucii Qurxummii Haroo Nigaat dabalatee haroowwan uumamaa fi nam-tolchee akkasumas bishaan qe’ee qonnaan bulaatti kuufamutti baay’inaan galfamaa akka jiru beeksisaniiru.

Doonii fi caancalli qurxummiin ittiin kiyyeeffamu naannoleef akka raabsamu taasifamuu Dr. Fiqruun ibsaniiru.


 

Haala Kanaan wabii nyaataa fi sirna nyaataa sadarkaa maatiitti mirkaneessuuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015