Hammattoon Bulchiinsa idaa fedhii Biyyoota Guddachaa jiranii gidduu galeeffate diriiruu qaba - ENA Afaan Oromoo
Hammattoon Bulchiinsa idaa fedhii Biyyoota Guddachaa jiranii gidduu galeeffate diriiruu qaba

Onkoloolessa 6/2018(TOI)- Hammattoon Bulchiinsa idaa fulla’aan haqa qabeessi, iftooma qabuu fedhii misoomaa biyyoota Guddachaa jiranii gidduu galeeffate diriiruu akka qabu ministirri maallaqaa Ahimad Shidee ibsan.
Baankiin Addunyaa fi Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa (IMF) walga’ii waggaa Magaalaa Finfinneetti gaggeessa jira.
Jilli Qondaaltota olaanoon Ministira Maallaqaa Ahimad Shideen durfamu walga’ii waggaa kanarratti hirmaachaa jira.
Walga’ii waggaa kana cinaatti konfaraansiin qorannoo fi qu’annoo idaa haala liqaa filmaataa saddettaffaan Yuunvarsiitiin Piriiniisteen qopheesse gaggeeffameera.
Ministeerri Maallaqaa Ahimad shidee waltajjicharratti haasaa taassisaniin Hammattoon Bulchiinsa Idaa Addunyaa Caalaatti Ifaa, fulla’aa fi haqa qabeessa ta’uu akka qabu hubachiisaniiru.
Haala kaffaltii idaa filmaataa Liqeeffattoonni liqeessitootarraa itti argatan irratti ulaagaan ifa ta’e waan hin jirreef mariin idaa yeroo dhihoo harkifataa akka ta’an gochuusaa fi rakkooleen tilmaamuuf rakkoo akka qabu dubbataniiru.
Gama Biyyoota liqeessaniin yeroo ilaalamu immoo itti amanuun waan hin danda’amneef mariin waliigalteef taasifamu walxaxaa akka taassisan, dhiheessii wabii maallaqaa akka tursu, dabalataanis ba’aa idaa haala wal hin madaalleen biyyoota liqeeffatan irratti fe’uun gara biyyoota liqeessan lamaanitti akka naanna’u akka taassisu eeraniiru.
Haalli liqaa filatamaan haala iftooma qabuu fi ulaagaawwan idil addunyaa kaa’ameen kan adeemsifaman yoo ta’e waliigalteewwan si’ataa gochuun qooda fudhattoota jidduutti wal amantaa akka uumu ministirichi cimsanii dubbataniiru.
Dhimmi Haala Kaffaltii Idaa filatamaa argachuu hojmaata al-idilee fi hammattoo liqeessitootaa jalaa bahee hammattoo qornnoo akka garee 20 fi dhaabbata maallaqaa idil addunyaa (IMF) ykn haala faayinaansii misooma dhaabbata mootummoota gamtoomanii hunda hammataa ta’uu akka qaban dubbataniiru.
Seerota ifaa fi Itti gaafatamummaa qaban amanamummaa akka dagaagsanii fi walii galtee Idaa akka saffisiisa ibsanii isarras darbee tumsa Idil Addunyaa akka cimsu dubbachuusaanii Ministirri Maallaqaa Odeeffannoo TOI’f ergeen hubachiiseera.