Itiyoophiyaan Ulaa galaanaashee kan dhabde daba maal na dhibdee bulchiinsa yerosii dhaloota dhufuuf hin yaannee fi shira namtolcheeni-Hayyoota - ENA Afaan Oromoo
Itiyoophiyaan Ulaa galaanaashee kan dhabde daba maal na dhibdee bulchiinsa yerosii dhaloota dhufuuf hin yaannee fi shira namtolcheeni-Hayyoota

Onkoloolessa 6/2018 (TOI)- Itiyoophiyaan Ulaa galaanaashee kan dhabde daba maal na dhibdee bulchiinsa yerosii dhaloota dhufuuf hinyaannee fi shira namtolcheeni ta’uu barsiiftonni saayinsii Siyaasaa fi qorattoonni siyaasaa Afriikaa bahaa dubbatan.
Akkaataan Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa itti dhabde akka nama gaabbisiisus hayyoonni turtii TOI waliin taasisaniin ibsaniiru.
Haala tumsa biyyaalessaa akkasumas riijinii gabbisuu fi walitti hidhamiinsa guddisuun carraaqqiin Ulaa galaanaa argachuuf taasifamu akka fedhii paartii tokkoo fi mootummaatti fudhatamuu akka hinqabne hubachiisaniiru.
Abbaa ulaa galaanaa kan turte Itiyoophiyaan, Ulaa galaanaashee haala uumamaa fi seeraan alaatiin sababa dadhabbii bulchiinsa yerosiitiin dhabuushee Yuunivarsiitii Diillaatti barsiisaan, qorataan siyaasaa Afriikaa bahaa fi barreessaan Daawit Mazgabee dubbataniiru.
Ulaa galaanaa argachuu jechuun dhimma siyaasaa qofa osoo hin taane faayidaan dinagdee fi faayidaaleensaa biroon guddaa ta’uu hubachiisaniiru.
Walitti hidhamiinsa ummataa, tumsa riijinii fi waloomaan misoomuuf qoodni Ulaa galaanaa olaanaa ta’uu hubachiisaniiru.
Yuunivarsiitii Wachaamootti barsiisaan saayinsii siyaasaa fi hariiroo Idil Addunyaa Muluu’alam Hayilamaaram gamasaaniin, gaaffiinItiyoophiyaan Ulaa galaanaa faayidaa hedduu qabu argachuuf gaafatte deeggarsa ummataa akka qabu kaasanii, sirrii ta’uusas dubbataniiru.
Ajandaalee faayidaa biyyaalessaa keessaa tokko ta’uu kaasanii, biyyoonni gaaffiin kun ka’uusaa akka gaariitti fudhatan jiraachuu dubbataniiru.
Adeemsa mootummaan ofeeggannoon itti deemaa jiru dinqisiifatanii, Ulaa galaanaa argachuuf filannoowwan garagaraa hordofuun gaarii ta’uu gorsaniiru.
Biyya seenaa guddaa qabdu, guddoo fi ummanni hedduun keessa jiraatu Itiuoophiyaa waanti Ulaa galaanaa ishee dhorku fudhatama seeraa fi siyaasaa akka hinqabne hayyuun kun kaasaniiru.
Tattaaffii itti jiramu ciminaan itti fufuu fi hariiroowwan dippilomaasii biyyoota garagaraa waliin jiru biyyoota Addunyaarratti dhiibbaa uumuu danda’an akkasumas biyyoota ollaa waliin hariiroo cimsuun akka barbaachisu faayidaa qabeessa ta’uu eeraniiru.
Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa argachuu akka qabdu amanuun tattaaffii eegaluunshee sirrii ta’uu eeranii, attamiin argachuu fi itti fayyadamuun akka danda’amuu dhimmoota murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.
Gaaffiin Ulaa galaanaa yeroo dheeraaf turuusaa fi yaada Itiyoophiyaanota hundaa keessa jiraachuusaa hubachuusaanii ibsaniiru.