Barmaatilee miidhaa geessisan ittisuuf hirmaannaan hawaasaa akka cimu gaafatame - ENA Afaan Oromoo
Barmaatilee miidhaa geessisan ittisuuf hirmaannaan hawaasaa akka cimu gaafatame

Onkoloolessa 6/2018 (TOI)- Barmaatilee miidhaa geessisan ittisuu fi to’achuu irratti hirmaannaan hawaasaa akka cimu ministeerri dhimma dubartootaa fi hawaasummaa gaafate.
Qo’annoon akka lakk. Faranjiitti bara 2008 gaggeeffame akka agarsiisutti barmaatileen miidhaa geessisan 140 ol akka jiran ministeerichi TOI’f ibseera.
Kanneen keessaa dhaqna qabaan dubartootaa, heeruma umuriin malee, ilkee baasuu, arraba xinnoo muruu fi kanneen biroo akka keessatti argaman eereera.
Gochoonni kun irra caalaa karaa aadaa akka raawwataman ministeerichatti ogeessi olaanaa mirga dubartootaa hubachiisuu ministeerichaa Geetinnat Abebbil dubbataniiru.
Mootummaan gochoota miidhaa geessisanii fi humnaan dubartootarratti raawwataman hir’isuuf akkasumas dhabamsiisuuf tarsiimoowwan hojiirra oolcheen jijjiiramni gaariin galmaa’uu mirkaneessaniiru.
Gurmaa’isoonni hawaasaa ilaalcha hawaasaa jijjiiruu fi barmaatilee miidhaa geessisan hir’isuun qooda guddaa waan qabaniif fuulduras akka cimsan gaafataniiru.
Akkaataa qo’annoo ummataa fi fayyaa bara faranjootaa 2016 gaggeeffameen dhaqna qabaan dubartootaa bara 2000 bakka turerraa dhibbantaa 79 tuqaa 9 irraa bara 2016 gara dhibbantaa 65tti gadi buusuun danda’ameera jedhaniiru.
Gama biraatiin hojiilee guddaa hojjetamaniin barmaatileen miidhaa geessisan kan badan akka jiran dubbataniiru.