Lixa Oromiyaatti Bakkeewwan Pirojektoonni Ijaarsa Daandii Adda Citan Saffisaan Xumuruuf Ni Hojjetama-Bulchiinsicha - ENA Afaan Oromoo
Lixa Oromiyaatti Bakkeewwan Pirojektoonni Ijaarsa Daandii Adda Citan Saffisaan Xumuruuf Ni Hojjetama-Bulchiinsicha

Onkoloolessa 5/2018(TOI)- Lixa Oromiyaatti Bakkeewwan Pirojektoonni Ijaarsa Daandii Adda Citanii Fi Ijaarsisaanii Harkifate Saffisaan Xumuruun Gaaffii Misoomaa Hawaasaa Deebisuuf akka Hojjetamu Itti Aanaan Daarektara Olaanaa Bulchiinsa Daandiiwwan Itiyoophiyaa Injiinar Malkaa Baqqalaa Ibsan.
Bulchiinsi Daandiiwwan Itiyoophiyaa Hoggantoota hojii Bakkeewwan Lixa Oromiyaa Waliin Haala Raawwii Hojii Pirojektii Daandii Naannoo Irratti Kan Xiyyeeffattu Gaggeessaniiru.
Itti Aanaan Daarektara Olaanaa Bulchiinsichaa Injinar Malkaa Baqqalaa Wayita Kana Akka Jedhanitti Lixa Oromiyaatti Bakkeewwan Pirojektootni Daandii Sababa Adda Addaan Ijaarsisaanii Adda Citee fi Daandiiwwan Raawwiin Hojiisaanii Gad-Bu’aata’e, Saffisaan Xumuruun Tajaajilaaf akka gahaniif Xiyyeeffannoon ni hojjetama.
Yeroo Amma Ijaarsa Isaanii Yeroo Gabaabaa Keessatti xumuruuf Daandiiwwan Hojiin Eegalamu Afur Keessaa Lama Ijaarsisaanii Kan Harkifate yoo ta’u Kanneen hafan Immoo Sababa Adda Addaan Ijaarsisaanii Addan Citan ta’uu Hubachiisaniiru.
Ijaarsa Pirojektii Daandiichaa Itti Fufsiisuuf Mootummaan Baajata Birrii Biiliyoona 6 Tuqaa 6 Qabuusaa Dubbachuun, Ijarsa Daandichaa Saffisaan Xumuruuf Bulchiinsa Godinichaa fi Hawaasa Waliin Qindoominaan Hojjetama Jedhaniiru.
Yeroo Ijaarsi Daandichaa Xumuramu Rakkoo Geejibaa ture Furuurra Darbee Sochii Hunda Galeessa Hawaasaf Haala Mijtaa akka Uumu Dubbataniiru.
Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Wallagga Lixaa Badhaasaa Dhaabaa Rakkoo Nageenyaa Godinicha Turee Fi Sababa Adda Addaan Pirojektoota Ijaarsa Daandii Adda Citan Deebisanii Eegalchiisuuf Tattaaffi Taassifamuuf Bulchiinsi Godinichaa Deeggarsa Barbaachisaa Taassisa Jedhaniiru.
Hoggantoonni Godinichaa Sadarkaa Sadarkaan Jiran Saffisa Ijaarsa Daandichaaf Qoodasaanii akka Bahani Hubachiisaniiru.
Hoggantoonni Aanaa Waltajjicharratti Hirmaatan Gamasaaniin Yeroo Ammaa Daandiiwwan Ijaarsi Isaanii Adda Citee Fi Harkifate Xumursiisuuf Tattaaffii Taassifamu Hawaasa Hirmaachisuun Ittigaafatamummaasaanii akka Bahatan Ibsaniiru.