Naannichatti milkaa’ina Inisheetiivota eegalamaniif hirmaannaan hunda galeessa Abbootii qabeenyaa caalaatti cimuu qaba-Bulchituu Alamituu Umood - ENA Afaan Oromoo
Naannichatti milkaa’ina Inisheetiivota eegalamaniif hirmaannaan hunda galeessa Abbootii qabeenyaa caalaatti cimuu qaba-Bulchituu Alamituu Umood

Onkoloolessa 5/2018(TOI)-Naannichatti Milkaa’ina Inisheetiivota Eegalamaniif hirmaannaan hunda galeessi Abbootii qabeenyaa caalaatti cimuu akka qabu Bulchituun Naannoo Gambeellaa Alamituu Umood ibsan.
Kutaa Hawasa daldalaa fi Abbootii qabeenyaa naannichatti argaman waliin Inisheetiivoota Misoomaa Mootummaa fi sochii daldalaarratti Magaalaa Gambeellaatti har’a mariin gaggeeffamaa jira.
Bulchituun Naannichaa wayita kana akka jedhanitti, nageenya naannicha jiru cimsuun bara bayyanachuu akka biyyaatti karoorfame dhugoomsuuf hirmaannaan Abbootii qabeenya caalaatti cimuu qaba jedhaniiru.
Naannichatti hojii misoomaa eegalame dabalatee Misooma hawaasummaa fi Dinagdee biroon raawwatamaa jiraachuu ibsaniiru.
Kanaafis Milkaa’ina hojiiwwan misoomaa naannichatti raawwatamaa jiraniif qaamoleen qooda fudhattootaa hundi qoodasaa bahuu qaba jedhaniiru.
Keessumaa dureeyyiin misooma Daldalaa fi Invasatimantii adda addaarratti bobba’an hojiiwwan misoomaa naannichatti raawwatamaa jiru deeggaruurratti hirmaannaasaanii fi tumsasaanii caalaatti cimsanii itti fufuu akka qaban ibsaniiru.
Kaayyoon Marichaa guddaanis dureeyyii fi miseensonni hawaasa daldalaa sochii misoomaa naannichaarratti qooda deeggarsa isaanii akka cimsan gochuuf ta’uu bulchituun kun dubbataniiru.
Waltajjicharratti barreeffamni ka’umsaa dhihaatee mariin gaggeeffamaa jira.