Hospitaalichatti tajaajila waldhaansaa si’ataa fi ariifataa argachaa jirra –tajaajilamtoota - ENA Afaan Oromoo
Hospitaalichatti tajaajila waldhaansaa si’ataa fi ariifataa argachaa jirra –tajaajilamtoota

Onkoloolessa 5/2018(TOI)-Hospitaala rifaraalaa Yuunivarsiitii Ambootti tajaajila waldhaansaa si’ataa fi ariifataa argachaa jirrachuu tajaajilamtoonni dubbatan.
Waldhaanamtoota keessaa Damoozee Hordofaa Kanaan dura hospitaalichatti tajaajilamuuf darabee yeroo dheeraaf eeguu fi bu’aa bayiin tureera jedhan.
Qorichis Hoospitaalichatti akka salphaatti waan hin jirreef qoricha bituuf baasii Dabalataaf saaxilamaa turuu dubbataniiru.
Yeroo ammaa hojmaanni hospitaalichaa fooyya’ee tajaajila si’ataa argachaa akka jiran eeranii, hojiin gaariin eegalame akka cimu gaafataniiru.
Yeroo ulfaa hordofuu kan dhufan adde Gammadee Getahun, hordoffiif hospitaalichatti wayita deddeebi’an tajaajila waldhaansaa fooyya’aa argachaa akka jiran dubbataniiru.
Kanaan dura bu’aa bayiin hedduun akka ture yaadatanii, yeroo ammaa battalatti kaardii baasanii tajaajila waldhaansaa argachuusaanii ibsaniiru.
Obbo Tarrafaa Gaaddisaa mucaasaanii waldhaanchisuuf gara hospitaalichaa dhufanii hojmaanni hospitaalichaa teeknooloojiin deeggaramuusaatiin tajaajila fooyya’aa argachuun alatti yeroos akka qusateef kaasaniiru.
Daarektarri tajaajila waldhaansaa hospitaala rifaraalaa Yunivarsiitii Amboo Dr. Kiisuu Masqalee hojiileen tajaajila hospitaalichi kennu hojjetamaa turuu dubbataniiru.
Keessumaa Kaardii kennuurraa eegalee waldhaanamtoonni dafanii tajaajila akka argatan tajaajilli teeknooloojiin deeggarame eegalamuu ibsaniiru.
Meeshaaleen waldhaansaa garagaraa guutamuusaaniitiin imala, baasii fi bu’aa bayii waldhaansa fooyyee argachuuf Finfinnee fi bakkeewwan birootti ture hambisuun akka danda’ame kaasaniiru.
Hojii gaggeessaan hospitaala rifaraalaa Yunivarsiitii Amboo Dr. Gonfaa Mootii gamasaaniin,hoospitaalicha galtee barbaachisuun guutuuf hojjetamaa turuu kaasaniiru.
Haala Kanaan Hawaasni naannawichaa baasii fi bu’aa bayiif osoo hin saaxilamiin bakka jirutti waldhaansa fooyya’aa argachuusaa dubbataniiru.
Hojii hospitaalicha babal’isuuf hojjetameen tajaajiloonni sammuu, Kaansarii, Kalee fi kanneen biroo haala fooyya’aan kennaa akka jiran ibsaniiru.