Hojmaattonni qaala’insa gatii tasgabbeessan cimanii itti nifufu - ENA Afaan Oromoo
Hojmaattonni qaala’insa gatii tasgabbeessan cimanii itti nifufu

Onkoloolessa 5/2018 (TOI)-Gabaa Sanbataa fi dilbataa 219 dabalatee giddugaleessota gabaa shanitti oomishoota qonnaa fi industirii ga’aa dhiheessuun cimee akka itti fufu ibsame.
Daarektarri komunikeeshinii biiroo daldalaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Ashannaafii Birhaanuu akka jedhanitti, gabaa Sanbataa fi dilbataa 219 dabalatee giddugaleessota gabaa shanitti bittaa fi gurgurtaan qaala’insa gabaa tasgabbeesse gaggeeffamaa jira.
Gabaa fi giddugaleessa kanneeniif oomishni qonnaa fi Industirii irraa jalaan ga’aadhaan dhihaachaa akka jiru TOI’f mirkaneessaniiru.
Akkaataa gatii torbaniin bahaa jiruun gurgurtaan akka raawwatu himaniiru.
Gabaa bilisaa biroo waliin yoo madaalamu gatiin gabaa Sanbataa fi Dilbataa akkasumas giddugala gabaa shananitti ittiin gurguramu jiddugaleessaan dhibbantaa 20 ol hir’ina akka qabu dubbataniiru.
Aanaalee magaalaa Finfinnee hundatti gabaan Sanbataa fi Dilbataa akka jiru eeranii, fedhiin dabaluusaatiin gabaa Sanbataa fi Dilbataa babal’isuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Haala Kanaan aanaalee gabaa Sanbataa fi Dilbataa tokko qabaniif akka dabalamu nitaasifama jedhaniiru.
Filmaattonni Gabaa kunneen akkaataa hojmaata kaa’ameen raawwatamuusaanii supparvaayizaroonni hordofan ramadamuusaanii fi to’attoonni gabaa kuma 1 fi 216 bobba’anii akka jiran eeraniiru.
Gabaa Sanbataa fi Dilbataatti gurgurtaarra kan jiran hojii seeraan alaa raawwatanii kan argaman walitti hidhamiinsaa ala akka taasifamanii fi seeraanis akka gaafataman hubachiisaniiru.