Dhimmoonni teekiniikaa hafan furamuu kan qaban dandeettii, carraaqqii waloo fi tooftaa biyyoota lamaaniin ta’uu qaba-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee - ENA Afaan Oromoo
Dhimmoonni teekiniikaa hafan furamuu kan qaban dandeettii, carraaqqii waloo fi tooftaa biyyoota lamaaniin ta’uu qaba-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee

Onkoloolessa 4/2018(TOI-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee xalayaa muudamaa ambaasaaddara Gibxi Itiyoophiyaatti haaraa muudaman Abayida El Dandarawin har’a fudhataniiru.
Odeeffannoon TOI’n waajjira pirezidaantiirraa argate akka agarsiisutti pirezidaant Taayyeen ambaasaaddaricha waliin marii taasisan irratti hariiroo gama hedduu bara dheeraa biyyoota lamaan jidduu ture kaasaniiru.
Dhimmoonni teekiniikaa hafan biyyoota lamaan jidduu jiru jiraatanis dandeettii, tattaaffii waloo fi tooftaa biyyoota lamaaniin qofa kan bira gahamu ta’uu himaniiru.
Biyyoonni lamaan hariiroosaanii qonna dabalatee gama Industirii, maanuufaakchariingii fi dameelee biroo hedduutiin itti fufuu akka qaban cimsanii kaasaniiru.