Tamsaasa Kallatti:

Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee xalaayaa muudamaa ambaasaaddaroota biyyoota garagaraa fudhatan

Onkoloolessa 4/2018(TOI)- Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsqasillaasee xalaayaa muudamaa ambaasaaddaroota biyyoota garagaraa har’a fudhatan.

Pirezidaant Taayyeen sirna har’a masaraa biyyaalessaatti gaggeeffamerratti muudama ambaasaaddaroota haaraa biyyoota garagaraa fudhataniiru.

Kanneen muudamasaanii Pirezidaant Taayyeef dhiheessan keessaa ambaasaaddarri Mooriitaaniyaa Iil Hawusen Oldi Naagii, ambaasaaddarri Kaazaakistaan Jaalgaas Adiilbayeev, ambaasaaddarri Vaatikaan Bireen Adiigiigiwii, ambaasaaddarri Baangilaadiish Eer Vayis Maarshaal Siitwaat Nayeem fi ambaasaaddarri Liigii Arabaa Mahaammad Omar Al Marhonni’eeramu.

Haala walfakkaatuun Ambaasaaddarri Indooneejiyaa Faayizil CheriyiSiidarti, ambaasaaddarri Sarbiyaa Davor Tirkuljaa fi ambaasaaddarri Siwiidin Manyus Leenartison xalayaa muudamasaanii dhiheeffataniiru.

Dabalataanis ambaasaaddarri Kaanaadaa Niikolaas Siimaard, ambaasaaddarri Siiwuzerlaand Riikared Chaandaa, ambaasaaddarri Gibxi Abayidaa Iil Dandarawuyi, ambaasaaddarri Hangaarii Atiilaa Tooz, ambaasaaddarri San Mariyano ambaasaaddar Peeroo Skaarpeliinii fi ambaasaaddarri Turkimenistan Makkaa Ishaneguliyeeb xalayaa muudamasaanii dhiheeffataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015