Kurmaana waggaatti daldala alergiirraa galiin doolaarri biiliyoona 2 tuqaa 48 ol argameera - ENA Afaan Oromoo
Kurmaana waggaatti daldala alergiirraa galiin doolaarri biiliyoona 2 tuqaa 48 ol argameera

Onkoloolessa 4/2018(TOI)- Kurmaana waggaatti daldala alaarraa galiin doolaarri biiliyoona 2 tuqaa 48 ol argamuusaa ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa riijinii Dr. Kaasahun Goofee ibsan.
Waltajjiin gamaaggama gabaasa raawwii kurmaana waggaa bara 2018 Ministeera daldalaa fi walitti hidhamiinsa riijinii fi dhaabbilee itti wamamanii gaggeeffameera.
Ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa riijinii Dr. Laggasaa Tulluu wayita kana akka jedhanitti, kurmaana waggaa jalqabaatti dameelee ijoon bu’aawwan qabatamaa galmaa’aniiru.
Haala Kanaan kurmaana jalqabaa bara bajataa 2018tti daldala alergiirraa galiin doolaara biiliyoona 2 tuqaa 48 ol argamuu ibsaniiru.
Raawwiin daldala alergii fooyya’insa olaanaa agarsiisuu kaasanii, galii kurmaana waggaatti argame kan bardheengaddaa yeroo walfakkaataan walbira yoo ilaalamu dhibbantaa 65 caala jedhaniiru.
Raawwiin karooraa dhibbantaan 117 kurmaana waggaatti galmaa’e bara bajataatti kan karoorfame doolaara biiliyoona 9 tuqaa 4 milkaa’uu akka danda’u ta’uu ibsaniiru.
Kurmaanni waggaa kun Itiyophiyaan miseensa dhaabbata daldala addunyaa ta’uuf kan itti dhihaatte, riijinii daldala bilisaa Afriikaa kan itti eegalte ta’uu dubbataniiru.