Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee Ambaasaaddar Dr. Laggasaa Tulluuf qajeelfama hojii kennan - ENA Afaan Oromoo
Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee Ambaasaaddar Dr. Laggasaa Tulluuf qajeelfama hojii kennan

Onkoloolessa 4/2018(TOI- Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee Jibutiitti Ambaasaaddara Itiyoophiyaa ta’uun kan muudaman Dr. Laggasaa Tulluuf qajeelfama hojii kennaniiru.
Ambaasaaddar Laggasaa Tulluu Jibutiitti ambaasaaddara Itiyoophiyaa ta’uun ramadamaniiru.
Ambaasaaddar Dr. Laggasaa Tulluu xalayaa muudamasaanii Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee harkaa fudhachuun karaa pirezidaantii mana murtii waliigalaa federaalaa Tewoodiroos Mihirat waadaa galaniiru.
Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee ambaasaaddara Dr. Laggasaa Tulluuf qajeelfama hojii hariiroo hunda galeessa Itiyoophiyaa fi Jibutii caalaatti guddisuuf dandeessisu kennuusaanii ministeerri dhimma alaa beeksiseera.
Ministirri dhimma alaa Geediyoon Ximootiwoos fi de’eetaan ministira alaa ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee sirnicharratti argamaniiru.
Ambaasaaddar Dr. Laggasaa Tulluu Kanaan dura ministira Tajaajila komunikeeshinii mootummaa ta’uun tajaajiluunsaanii niyaadatama.