Tamsaasa Kallatti:

Godinichatti Misooma Gannaan  Qonnaan Bultoonni kuma 16 ol  misooma midhaan Zayitaarratti hirmaachaa jiru

Onkoloolessa 4/2018(TOI)-Godina Shawaa Lixaatti Misooma Qonnaa yeroo Gannaan Qonnaan bultoonni kuma16 ol misooma Midhaan Zayitaa irratti hirmaachaa jiraachuusaanii Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise.

Godinichatti Midhaan Zayitaan lafa hektaara kuma 31 ol irraa omishni  kuntaalli  kuma 954 ol  ni eeggama.

Waajjirichatti Ogeessi Misooma Midhaanii Obbo Dajanee Dabbushee TOI’f akka ibsanitti  Godinichatti yeroo Gannaa Midhaan Zayitaaf xiyyeeffannoo kennuun hojii bal’aan hojjetameera. 

Kanaanis yeroo Gannaa Qonnaan bultoota kuma 16 ol hirmaachisuun lafa hektaara  kuma 31 olirratti midhaan zayitaa  omishuun danda’amuu ibsaniiru.

Omishni midhaan Zayitaa  kan bara darbee yeroo gannaa waliin yeroo madaalamu caalmaa qabaachuu eeruun kanaanis callaan kuntaala kuma 954 ol akka abdatamu obbo Dajaneen dubbataniiru.

Qonnaan Bultoonni Meeshaalee Qonnaa Ammayyaa akka fayyadaman gochuurra darbee deeggarsii fi hordoffiin ogeeeyyii Qonnaa taassifamaa jiraachuu hubachiisaniiru.

Dabaltaanis damicha cimsuu fi omishaa fi omishtummaa guddisuuf wiirtuu Qorannoo Qonnaa kan bahan midhaan zayitaa sanyii fooyya’aan Qonnaan bulaaf akka rabsamanii fi   faayidaarra akka oolan kaasaniiru.

Midhaan Zayitaa misoomaa jiran keessaa nuugii, Talbaa, Salixii, ija raafuu fi Looziin bal’inaan akka argaman eeraniiru.

Omishni  Midhaan Zayitaa Godinichatti Aanaawwan Baakkoo, Cobii, Gindabarat, Ilfata, Jalduu fi Noonnootti  bal’inan akka hojjetamu ibsameera.

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015