Tumsi Itiyoophiyaanotaa Samii Guubaa jalatti Hidha Haaromsa Guddichaa Itiyoophiyaa fi Haroo Nigaat dhugoomsuu dandeessiseera- Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa - ENA Afaan Oromoo
Tumsi Itiyoophiyaanotaa Samii Guubaa jalatti Hidha Haaromsa Guddichaa Itiyoophiyaa fi Haroo Nigaat dhugoomsuu dandeessiseera- Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa

Onkoloolessa 4/2018(TOI)-Tumsi Itiyoophiyaanotaa Samii Guubaa jalatti Hidha haaromsa Guddichaa Itiyoophiyaa fi Haroo Nigaat dhalootaaf darbu dhugoomsuu danda’uu Ministirri Bishanii fi Inarjii Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa ibsan.
Waltajjiin maree jalqabsiisa qu’nnoo wixinee maastar pilaanii haroo Nigaat-hidha haaromsaa Itiyoophiyaa magaalaa Bishooftuutti gaggeeffamaa jira.
Ministirri Bishanii fi Inarjii Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa Ashaaraa seenaa dhalootaaf darbu kaa’uuf waliinii fi wal-tumsan hojjechuun carroomuudha jedhaniiru.
Itiyoophiyaanonni Humna Qindoomeen Hidha Haaromsaa Itiyoophiyaa Guddicha samii guubaa jalatti ijaaruun hojii misoomaa guddaa dhalootaa dhalootatti darbu milkeessuusaanii ibsaniiru.
Milkaa’inni Hidha Haaromsaa lammiileen dhiheessii anniisaa akka argatanii fi addaan ciccitinsa humnaa hir’isuuf qooda furtuu bahaa jiraachuu dubbataniiru.
Haroo namtolchee Hidhichaa kan ta’e Haroon Nigaat km. 240 kan dheeratuu fi bishaan meetir kuubii biiliyoona 74 olta’u Itiyoophiyaanotaaf faayidaa qabaachuusaa ibsaniiru.
Haroo Nigaat karaa gurmaa’ee fi master pilaanii of danda’een gaggeessuuf qophiin dandeessisu taassifamaa jiraachuu kaasuun, kunis haroon kun eegamee dhalootaa dhalotatti darbuu fi lammiileen bu’aasaarraa akka qooddatan kan dandeessisudha jedhaniiru.
Wixineen maastar pilaanii Haroo Nigaat-hidha Misooma Qurxummiin, Bulchiinsa Bishaaniin, Turiizimii fi Sirna bulchiinsa bu’aa qabeessa diriirsuuf akka dandeessisu ibsaniiru.
Fedhiin Itiyoophiyaa Fayyadamoo misooma Waloo mirkaneessuu ta’uu eeruun, Hidhi Haaromsaa fayyadamumma waloo kan mirkaneessu ta’uu hubachiisaniiru.
Waltajjii Marii Karoora Bulchiinsa Maaster Pilaanii Nigaat irratti Itti Aanaan Bulchaa Naannoo Benishaangul Gumuz Geetahuun Abdiisaa, Miseensota mana maree bakka bu’oota Uummataa fi keessummoonni affeeraman hirmaataniiru.